Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a falmiin PSGn Liiverpuul waliin taasisu ni eegama
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018(FMC) – Taphoota nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan morkiin har’a PSGn Liiverpuul waliin taasisu ni eegama.
Tapha mo’anii darbuun Cheeslii dhaqaa gala galchii 8 fi 2’n kan injifate Shaampiyoonaan bara darbe PSGn har’a Liiverpuulitti qormaata guddaa ta’aan eegama.
Liiverpuulis bara kana Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan ga’umsa olaanaa agarsiisaa jira.
Shaampiyoonaan yeroo 6 Liiverpuul tapha mo’anii darbuun Gaalaataasaraay dhaqaa gala galchii 4 fi 1’n injifachuun tapha nuusa xumuraaf darbuun kan yaadatamuudha.
Kilaboonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 5 keessaa Liiverpuul yeroo 3 yoo injifatu, PSGn yeroo lama injifateera.
Taphni kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Paarki Piriinsitti taphatama.
Akkasuma morkiin kilaboota Ispeen lamaan Baarseloonaa fi Atileetikoo Maadriid gidduutti taasifamu xiyyeeffannoo argateera.
Tapha mo’anii darbuun Baarseloonaan dhaqaa gala gachii 8 fi 3’Niwuukaasiil, Atileetikoo Madriid ammoo galchii 7 fi 5’n Tootenhaam injifachuun tapha nuusa xumuraaf walitti dhufan.
Kilaboonni lamaan taphoota as dhiyeenya waliin taphatan 5 keessaa Baarseloonaan taphoota 4 injifateera.
Taphni kunis halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Kaampinuutti taphatama.
#Oromia #Ethiopia