Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa badhaasa daandii qilleensaa filatamaa Afrikaa 2026 argate

Finfinnee, Ebla 26, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bu’uura filannoo imaltootaa Apeeksiin (Apex) badhaasa daandii qilleensaa filatamaa Afrikaa 2026 argateera.

Badhaasichi murannoo daandiin qilleensichaa imaltootaaf tajaajila mijataafi amansiisaa dhiyeessuuf qabu kan agarsiisu yoo ta’u, damee tajaajila aviyeeshiniin dursummaa isaa akka itti fufuuf qooda olaanaa qabaachuun ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Masfin Xaaasaw wayita badhaasicha fuudhan akka jedhanitti, badhaasichi bu’aa dhamaatii hojjettootaafi hoggantoota daandii qilleensichaati.

Badhaasichi bu’uura filannoo maamiltootaan kennamuun isaa adda akka isa taasisu eeruun, sadarkaa tajaajiloota keenyaa akka guddisnuufi amantaa maamiltoonni keenya nurraa qaban akka eegnuuf nu kakaasa jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.