Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Saambee kabajame
Finfinnee, Ebla 27, 2018 (FMC)- Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Saambee 85ffaan Godina Iluu Abbaa Booritti kabajameera.
Saambeen Godina Iluu Abbaa Boor Magaalaa Goree irraa fageenya dhiyoo irratti kan argamu iddoo injifannoo seenaati.
Injifannoon Sambee guyyaa injifannoon Eenyummaa fi tokkummaa ummata Oromoo fi Sabaafi Sablammootaa itti mirkanaa’eedha.
Dirreen Waraana Saambee, erga injifannoo Adwaa waggoota afurtama booda 1933 lolli Faashistii Xaaliyaanii haaloo ba’uuf gara magaalaa Goreetti wayita imalu gootonni fi jiraattonni naannawichaa lolanii kan itti injifatanii dha.
Iddoon kun irra deebiin bakka injifannoon Itiyoophiyaanotaa itti mirkanaa’e ta’uu isaa hayyoonni seenaa ni ibsu.
Injifannoo Saambee guyyaa Seenessa dhugaa gootummaa waloo sabaafi sablammoota Itiyoophiyaa itti seeneffamuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf irree tokkoon diina dura dhaabbatameedha.
Dirreen waraanaa Saambee Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Aallee ganda Innoo Saambee jedhamutti kan argamu yoo ta’u, bakka Faashistiin xaaliyaanii Adwaatti aanee yeroo 2ffaaf itti injifatameedha.
Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii kabaja guyyicharratti ergaa dabarsaniin, goototni injifannoo Saambee irratti birmadummaa biyyaa kabachisuuf wareegaman, tokkummaa sabaafi sablammoota kan dhaalchisuu ta’uu dubbataniiru.
Injifannoon Saambee kan nu barsiisuu tokkummaafi jaalala cimsuun, hiyyummaa injifachuun biyyatti gara imala badhaadhinaatti ceesisuudha jedhan.
Injifannoon Saambee eenyummaafi tokkummaa ummata Oromoofi sabaafi sablammootaa kan ittiin mirkanaa’ee ta’uu kan himaniiru.
Iddoo seenaan Saambee itti galmaa’ee bakka gahumsa tuurizimii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Ittti Gaafatamaan waajjira Aadaafi Tuurizimii godina Iluu Abbaa Boor obbo Wandimmuu Dabalaa himaniiru.
Jiraattonni aanaa Aallee ganda Innoo gamasaaniin, goototni Oromoo humna tokkummee fi waloomeen Faashistii xaaliyaanii Dirree Waaraana Saambeetti Injifachuu ibsanii, dhalootni haaraan gootummaa abbootii keenyarraa dhaalleen dirree misoomaatti injifannoo galmeessuuf cichoominaan hojjechuu qabaa jechuun dhaamaniiru.
Kabaja Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Saambee kanarratti hoggantoota mootummaa garaagaraafi hawaasni aanaalee godinichaa garaagaraa argamuu Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa Faanaa Diijitaaliif ergeera.