Fana: At a Speed of Life!

Dargaggeessa weellisaa Goota, kan Gootota Jaallatu Haacaaluu…

Finfinnee, Ebla 27, 2018 (FMC) – Abbaasaa Hundeessaa Bonsaa Hadhaa Isaa immoo Aadde Guddattuu Horaa Irraa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa lixaa Magaalaa Ambootti Dhalate Haacaaluun.

Haacaaluun Maatii isaaf mucaa shanaffaadha.

Akkuma ijoollee Oromoo kamuu maatisaaf loon tiksaa akka guddate dubbateera.

Barnoota isaa hanga kutaa kudha lamaatti achuma magaalaa Ambootti barate.

Haacaaluu Hundeessaa ijoollummaa isaa kaasee hayyuu aartii ta’uuf fedhii guddaa qaba ture.

Kunis karaa ittiin yaada garaa isaa ibsachuu danda’u waan ta’eefi.

Haacaaluun ijjoolummaa isaa irra kaase Ummataf Maatii Isaaf quuqama olaanaa qaba ture.

Ijoollummaa irra kaasee fedhiin inni Muuziqaaf qabu Olaana ture haa ta’uu malee Abba Isaa obbo Hundeessa irra fudhatama hin arganee ture.

Haacaaluun Ijoollummaa isaan sirbaa Dawwite mokonnin fi Sayoo (Tsagayye) Dandaanaa baay’ee akka jalatu dubbatee ture.

keessattuu Sirbaa Dawwitee Mokonnin Kan Fardaa gurrachaa

lagarraa Kachiisani

Osoo Wal Jalannuu

Wal Nu walaalchisan ……

Jedhuu Afaan isaa Irra akka hin buune dubbata.

Haaceef Karchaaleen Amboo mana Barumsaa cimaa ture achiiti hojii cicimoo fi lammii mirga isaaf dubbatee hidhamee walin wal argee qabsoon maal akka ta’ee achii baree jireenyiis maal akka ta’e baree achi bahe.

Hacaaluun qabsoos Muziqaas Ijoollummaa isaan jalqabe.

Haacaaluun barumsa baay’ee jaallatuus, muuziqaaf garuu jaalala addaa qaba ture.

Jaalalli muuziqaas baallee isaa irra kaa’ee ol isa fageessee balaliise.

Innis kanuma hojiirra oolche.

waggaa shan hidhamee osoo jiruu, walaloowwan muuziqaa barreessuu fi yeedaloo qopheessuu jalqabe.

Haacaaluun erga mana hidhaati ba’e hawwii muuziqaa qabu albamii “Sanyii Mootii” jedhuun dhugoomse.

Albamiin kun jaallatamummaa guddaa kan isaaf argamsiise yoo ta’u, muuziqaan garaagarummaa afaanii malee, hunda kan walii galchu akka ta’e hojiin itti agarsiise.

Haacaaluun Muuziqaan jireenya kooti jechuun, itti aansuun albamaa isaa lammaffaa “Waa’ee Keenya” jedhu gadhiise.

Jalqaba jijjiirama mootummaa irratti, Maastar Pilaanii Finfinnee fi naannawa ishee mormuun, sirba qeenxee “Maalan Jira?” jedhu dhaggeeffattootaa fi daawwattootaaf dhiyeesse.

Kunis komii uummataa yeroo sana ture yeedaloon kan itti dhageessise ta’eera.

Yeroo jijjiiramni sun guutuuf dhiyaatetti immoo “Jirra” jedhee sirbe.

Waltajjii Galma Barkumeetti sirbi isaa sun namoota achitti argamanii fi karaa Teeleevizhiniin kallattiin isa hordofaa turan hundaatti onnee kan horee fi gootummaa hire ture.

Artiisti Haacaaluu Hundeesaan biyya isaa baay’ee jaallata ture.

kana immoo mata dureewwan muuziqaa isaan mirkaneesseera.

Jijjiiramaan boodas, ayyaanota akka Adwaa fi Guyyaa Goototaa irratti argamuun sirboonni inni dhiyeessuu waltajjiiwwan sanaf dabalataan miidhagina turan.

Artist Hacaaluun Ilmaa sabaaf dhaabbate namaa beeka, namaa Ummata isaa kabaju namaa Ummata isaaf of warreegu ta’uu isaa hasawaa isaa mirkaneesse ture.

Haacaaluun biyyi lafee, dhiigaa fi wareegama lubbuu Goototaan akka dhaabbatte ragaa ba’aa kan ture yoo ta’u, maqaa goototaa waamee hin quufu ture.

Maqaan Awwaalchaa ol mitiiree? Gootummaa fi maqaa isaanii kaasee yemmuu weellisu, akka waan isaan lubbuun jiranitti namatti dhaga’ama ture.
Artiisti Haacaaluu Hundeessa Abbaa ijoollee sadii ture.

Erga Du’aan boqotee booda Hiriyoonni fi maatiin isaa albama guutuu “Maal Maalli Isaa’ jedhu ummataaf gumaachaniiru.

Hojiiwwan artistii Haacaaluu Hundeessaa Barabaraan jiraatoodha.

Isaa yaadachuuf, Har’a Bulchiinsa Magalaa Finfinneetti Siidaan Yaadannoo ijaarameef ebbifameera.

Tsahaay Gulummaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.