Fana: At a Speed of Life!

Baayerni Muunik vs PSG…

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Tapha deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan morkiin har’a Baayerni Muunik PSG waliin taasisu ni eegama.

Taphni marsaa jalqabaa olaantummaa shaampiyoonaa bara darbee PSG’n kan xumurame yoo ta’u, morkiin har’aa akkaan eegama.

Baayerni Muunik yeroo 6 Shaampiyoonaa ta’eera, PSGn ammoo yeroo 1 qofa shaampiyoonaa ta’e.

Bara kana kilaboonni lamaanuu ga’umsa gaarirratti argamu.

Morkiin tapha xumuraaf darbuuf taasifamu kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti godhamu gamanumaan xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota kanaan dura waliin taphatan 17 keessaa Baayerni Muunik yeroo 9 yoo injifatu, PSG’n yeroo 8 injifateera.

Taphni xumuraa bara Faranjootaa Caamsaa 30, 2026 Hangaarii Magaalaa Budapeesti Istaadiyeemii Puskaas Areenaatti taphatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.