Fana: At a Speed of Life!

Tapha Ispeen fi Keeppi Verdee…

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2018(FMC)- Taphoonni marsaa jalqabaa waancaa addunyaa guyyaa har’aas itti fufanii ni taphatamu.

Ramaddii 8 irraa Ispeen fi yeroo jalqabaaf waancaa addunyaa irratti kan hirmaatte Keeppi Verdeen galgala sa’aatii 1:00 irraa eegalee ni taphatu.

Ramaddii kana jalatti kan argaman Sa’ud Arabiyaafi Yuuraagaay halkan sa’aatii 7:00 irraa eegalee ni taphatu.

Ramaddii 7 jalatti kan ramadaman Beeljiyeem fi Ijipt halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee akkasumas Iraan fi Niwuuzilaand halkan sa’aatii 10:00 irraa eegalee kan taphatan ta’a.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.