Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2018(FMC) – Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf waliigaltee irra ga’aa jiru.

Ameerikaa fi Iraan walitti fiduun mariisisaa kan jirtu Paakistaan waliigaltichi Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallatteeffamu beeksisteetti.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi akkaataa waliigaltichaan ulaan Hormuuz irra deebi’ee banama jedhan.

Akkuma waliigaltee irra ga’amuun dhaga’ameen gatiin boba’aa hir’achuutu himame.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan akka dubbatanitti, ajajaa olaanaan loltummaa biyyattii tokko waliigaltichi Teeraaniif injifannoo ta’uu ibsan.

Yaadni guutuun waliigaltichaa hanga ammaatti maal akka ta’e ifoomuu baatus, BBC’n akka gabaasetti waliigaltichaan dursi kan kennamu waliigalteen waraana dhaabuu kanaan dura mallatteeffame akka dheeratu, guyyoota dabalataa 60’f waraanni kamuu akka hingegggeeffamne fi qaamoleen lamaanuu maree dabalataa akka geggeessan kan akeekkachiisuu dha.

Biraanuu Abarraatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.