Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad sirna jalqabsiisa appilikeeshinii tajaajila qindaa’aa guyyaa kaleessaa geggeeffame irratti dabarsan keessaa muraasa.

Giddugalli iddoo tokko Masoob qaamni hundi tajaajila mootummaa fi faayinaansii bakka tokkotti akka argatu kan gargaaru guddina diijitaajalaa murteessadha.

Hirmaannaan ummatni Filannoo waliigalaa 7ffaarratti agarsiise adaaraa fi itti gaafatamummaa nageenyaa fi Badhaadhinaa guddaadha.

Teeknooloojiin badhaadhina hundagaleessa Itiyoophiyaaf utubaa murteessadha.

Teeknooloojii biturraa gara gurguruutti, barachuurraa gara barsiisutti ce’uun barbaachisaadha.

Itiyoophiyaan waggoota muraasa keessatti omisha laappitooppii fi taableetii jalqabuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti.

Birmadummaa daataa mirkaneessuuf dhaabbilee keessatti tarkaanfileen qabatamaan fudhatamaa jiru.

Dandeettiin software fi daataa irratti mul’ate gara omisha hardware-tti yeroo guddattu, bu’uura dhaloota dhufuuf birmadummaa teeknoolojii guutuu uumuuf dandeessisa.

Yeroo ammaa kana lakkoofsi fayyadamtoota Telebirr miiliyoona 55 gaheera.

Kunis jijjiirama Itiyoophiyaan damee teeknoolojiin fidaa jirtu agarsiisa.
Akkasumas lakkoofsi lammiilee eenyummeessaa dijiitaalaa biyyoolessaa fudhatanii miiliyoona 45 gaheera.

Yeroo ammaa kana lakkoofsi tajaajila giddugala tokkoo Masob kutaalee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti 70 qaqqabeera.

Badhaadhina, birmadummaa fi ijaarsa biyya cimaa nuti hawwinu mirkaneessuuf teeknoolojiin haalaan kan gargaaru waan ta’eef, lammiin hundi dhimma kana gadi fageenyaan fudhatee irratti hojjechuun akka irraa eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.