Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Tajaajilli Giddugala Iddoo Tokkoo haaraan lama hojii eegalan

Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –‎ Godina Arsii Aanaa Heexosaa fi Magaalaa Dheeratti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo Masoob lama hojii eegalan.‎

‎Bulchaan Aanaa Heexosaa obbo Awwal Waafoon Saganticharratti ergaa dabarsaniin Wiirtuun giddu gala iddoo tokkoo Aanichatti ijaarame hojimaata badaa tajaajilarratti mul’atu furuu bira darbee dhamaatii fi baasii kan hir’su ta’uu eeran.

‎Bulchaan Godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir gama isaaniin Godina Arsiitti bara kana akkaataa waadaa galleen bara 2018 tajaajila giddugala tokkoo Masoob 9 banuuf karoorfatanii 2 banuu dandeenyarra jedhan.

‎Akka mootummatti rakkoon guddaan ture tajaajilarratti kan jedha Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Siiviil Sarvisii Oromiyaa obbo Yaaqoob Taaddasaan, Giddugalli tajaajila iddo tokkoo kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbatan.

‎Abdallaa Amaanii fi Oliyaad Badhaaneetiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.