Godinichatti Tajaajilli Giddugala Iddoo Tokkoo haaraan lama hojii eegalan
Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) – Godina Arsii Aanaa Heexosaa fi Magaalaa Dheeratti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo Masoob lama hojii eegalan.
Bulchaan Aanaa Heexosaa obbo Awwal Waafoon Saganticharratti ergaa dabarsaniin Wiirtuun giddu gala iddoo tokkoo Aanichatti ijaarame hojimaata badaa tajaajilarratti mul’atu furuu bira darbee dhamaatii fi baasii kan hir’su ta’uu eeran.
Bulchaan Godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir gama isaaniin Godina Arsiitti bara kana akkaataa waadaa galleen bara 2018 tajaajila giddugala tokkoo Masoob 9 banuuf karoorfatanii 2 banuu dandeenyarra jedhan.
Akka mootummatti rakkoon guddaan ture tajaajilarratti kan jedha Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Siiviil Sarvisii Oromiyaa obbo Yaaqoob Taaddasaan, Giddugalli tajaajila iddo tokkoo kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbatan.
Abdallaa Amaanii fi Oliyaad Badhaaneetiin
#Oromia #Ethiopia