Neezarlaandis vs Moorookoo…
Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaan morkiin Neezarlaandis Moorookoo waliin taasiftu ni eegama.
Leenconni Atilaasii fi Warri Burtukaanaa halkan gara barii 10:00 eegalee waliin taphatu.
Biyyoonni lamaan kana dura taphoota 3 waliin taphatan keessaa lama Neezarlaandis yoo injifattu Moorokoon si’a tokko injifate.
Bara Faranjootaa Caamsaa 31, 2017 tapha michoomaa waliin tapahataniin Neezarlaandis galchii 2 fi 1’n Moorookoo injifatte.
Akkasuma tapha Waancaa Addunyaa 1994 irratti waliin taphataniin Neezarlaandis galchii 2 fi 1’n injifatte.
Bara Faranjootaa Eebla 28, 1999 tapha michoomaan Moorookoon galchii 2 fi 1’ Neezarlaandis injifatte.
Bara kana biyyoonni lamaanuu ga’umsa gaariirratti argamuun isaanii taphichi caalmaatti hawwiin akka eegamu taasiseera.
#Oromia #Ethiopia