Fana: At a Speed of Life!

Kootdivuwaar vs Noorweey…

Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama.

Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama.

Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama.

Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti.

Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru.

Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.