Paaraaguwaay guyyaan Waancaa Addunyaan Jarman itti injifatte ayyaana biyyaalessaa akka ta’u labsite
Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Tapha moo’anii darbuu Waancaa Addunyaan Paaraaguwaay guyyaan Jarman itti injifatte ayyaana biyyaalessaa akka ta’u labsite.
Paaraaguwaay osoo hin eegamne shaampiyoonaa yeroo 4 Jarman injifachuun marsaa itti aanuuf dabarteetti.
Paaraaguwaay, taphni idilee galchii 1qixaan xumuramuu hordofee rukkuttaa adda bahiinsaa galchii 4 fi 3’n Jarman injifachuun kan yaadatamuudha.
Injifannicha hordofee Pireezidaantiin biyyattii Saantiyaagoo Peenaan guyyaan har’aa ayyaana guyyaa injifannoo biyyaalessaa akka ta’u labsaniiru.
Paaraaguwaay tapha nuusa xumuraaf darbuuf Faransaayii fi Siwiidiin keessaa kan injifate waliin taphatti.
#Oromia #Ethiopia