Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila uummataafi mootummaa walitti dhiyeesse

Finfinnee, Adoolessa 24, 2018( FMC)- Gaaffilee abbootiin dhimmaa dhaabbilee mootummaa irratti kaasaa turan keessaa kenniinsi tajaajilaa ammayyaa’uu dhabuun isa tokko.

Kenniinsi tajaajilaa ammayyaa’uu dhabuun yeroo, maallaqaafi humna abbootii dhimmaa qisaasessa.

Tajaajilli Guddugala Tokkoo Masoob iddoo tokkotti tajaajila mootummaa garaagaraa karaa si’aayinaa qabuufi salphaa ta’een sirna diijitaalaan deeggarmuun tajaajila ammayyaa kennaa jira.

Tajaajilichi guutummaatti karaa diijitaalaan kennamuun isaa rakkoo hojimaata badaas hambiseera.

Kanarra darbees hariiroo uummataafi mootummaa cimseera.

Amanamummaan mootummaa kan madaalamu tajaajila kennuun waan ta’eef mootummaan ida’amuu giddugala tajaajilaa teeknooloojiin deeggaramu hundeesseera.

Dhamaatii tajaajila mootummaa argachuuf abbootii dhimmaa mudatu hambisuun yeroofi maallaqa isaanii haalaan akka fayyadamaniif carraa uumeera.

Kana malees waraqaa baachuun hiriira dheeraa hiriiruu fi dhamaatii dhaabbata tokkorraa gara dhaabbata biraatti taasisan hambisuun tajaajila si’ataa akka argatan godheera.

Tigist Gizaachoon.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.