Faayinaansiin dijiitaalaa guddina dinagdee biyyaalessaatiif bu’uura haaraa kaa’eera
Aduunyaa ariifachiisaa har’aa keessatti, guddinni teeknoolojii akkaataa jireenya namootaa fi deemsa daldalaa sadarkaa ol’aanaadhaan jijjiiraa jira.
Maallaqaa callaa (kaashii) qabatanii dadhabbii fi sodaa qulqulluu hin taane keessa galuu irra, daldalli moobaayilaa fi intarneetiin geggeeffamu guddina dinagdee biyyaalessaatiif bu’uura haaraa kaa’aa jira.
Daldalli dijiitaalaa sochiidhaa fi geejjiba daldalaa ariifachiisuu, yeroo qusachuu fi sochiin maallaqa callaa akka hir’atu gochuu keessatti jijjiirama guddaa fideera.
Itiyoophiyaa keessatti daddabarsi maallaqaa filannoo dijiitaalaatiin raawwatame sochii daldalaa biyyaattii guutummatti jijjiiruudhaan fedhii maallaqa callaa sadarkaa ol’aanaadhaan bakka bu’uu danda’eera.
Daddabarsi maallaqa dijiitaalaa Itiyoophiyaa keessatti waggoota muraasa dura biiliyoonatti lakkaa’amu, irraa yeroo ammaa gara tiriliyoonaatti guddachuudhaan daldala mallaqa callaa caalee jira.
Filannoowwan kaffaltii dijiitaalaa damee kana keessatti miijatan keessaa moobaayil baankiingii, moobaayil waaleetii, intarneet baankiingii, ‘ATM’ fi Poosiin isaan ijoo dha.
Sirni hojii kunis biyyaattii keessatti lakkoofsi herrega dijiitaalaa sadarkaa ol’aanaadhaan akka dabalu gochuudhaan, uummata miiliyoonatti lakkaa’amu kanneen kanaan dura tajaajila baankii hin arganne gara sirna faayinaansii idileetti galchee jira.
Sochiin faayinaansii dijiitaalawaa ta’uun, namoonni akka kanaan duraa dadhabbii fi bu’aa ba’ii dheeraa malee bilbila isaaniitiin salphaatti daldala raawwachuu, maallaqa dabarsuu fi liqii yeroo gabaabaa argachuu akka danda’aniif carraa uumeera.
Kanneen keessaa daldalli dijiitaalaa dinagdee ammayyaa sakatta’uu keessatti shoora adda duree taphachaa jira.
Akka Telebirr, M-Pesa, moobaayil baankiingii fi teeknoolojiiwwan onlaayinii adda addaa daldala guyyaa guyyaa yeroo kamiyyuu caalaa salphaa taasisaniiru.
Babaldhachuun daldala dijiitaalaa daddabarsa maallaqaa waraqaa irraa bilisa gochuudhaan daldala ariifachiisaa fi bu’aqabeessa taa’eera.
Ce’umsi dijiitaalaa kun uummanni hiriira dheeraa fi dadhabbii malee kaffaltiiwwan adda addaa bilbila isaatiin akka raawwatu kan dandeessise yoo ta’u, maallaqa harkatti qabatanii socho’uun balaa hannaa fi waliin dha’uu qaqqabu hambiseera.
Filmaata maallaqa callaa ta’ee kan dhufe tarkaanfiin daldala dijiitaalaa si’aayina dinagdee daldala biyya keenyaa gara sadarkaa ol’aanaatti ceesisaa jira.
Fooyya’insi faayinaansii dijiitaalaa mootummaan Ida’amu fide kun sirna dinagdee aadaa gara walitti dhufeenya dijiitaalaa ammayyaa fi hunda-galeessaatti jijjiireera.
Ce’umsi kun kan bu’uureffame tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa irratti.
Jalqaba kan qophaa’e Dijiitaal Itiyoophiyaan 2025 sekteera baay’ee keessatti milkaa’ina galmeessiseera.
Kana hordofees tarsiimoon Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 guutummatti hojiirra ooluu eagaleera.