Qabeenyi of-eeggannoo waliigalaa Fandii Inshuraansii Kuufama Maallaqaa Itiyoophiyaa Birrii biiliyoona 27.43 irra gahe
Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC)- Qabeenyi of-eeggannoo waliigalaa Fandii Inshuraansii Kuufama Maallaqaa Itiyoophiyaa Birrii biiliyoona 27.43 irra gaheera.
Dhaabbatichi ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen, bara baajataa 2018 dhaabbilee maallaqaa miseensotaa irraa araboonii Birrii biiliyoona 9.35 walitti qabuu ibseera.
Kana keessaas Birrii biiliyoonni 4.79 baankota dhuunfaa, biiliyoonni 4.45 Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa akkasumas Birrii miiliyoonni 109.30 dhaabbilee maayikiroo faayinaansii irraa kan argame ta’uu kaaseera.
Kunis bara baajataa darbee waliin wal bira qabamee yoo madaalamu %13.14 guddina agarsiisuu, dhaabbatichi dandeettii isaafi maallaqa of eeggannoo sadarkaa olaanaan guddisuu ibseera.
Dhaabbatichi yeroo hojii eegale waggoota sadan darban keessatti waliigala araboonii Birrii biiliyoona 23.42 sassaabuu eereera.
Yeroo ammaa kana baankonni dhuunfaa 31 fi dhaabbileen maayikiroo faayinaansii 66 miseensa dhaabbatichaa ta’uus ibseera.
Dhaabbatichi bara baajataa 2019’tti galii Birrii biiliyoona 18.14 sassaabuufi qabeenya waliigalaa gara Birrii biiliyoona 45.57’tti guddisuuf karoorfachuu eereera.