Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa Guddichi Mana miiliyoonotaa gara ifaatti jijjiire – CNN

Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) – Hidhi Haaromsi Guddichi Itiyoophiyaa Mana miiliyoonotaa gara ifaatti jijjiire jechuun gabaase Buufanni Teeleeviizyiinii CNN.

Keeniyaatti bakka buutuun CNN Geezexeessituu Viiktooriyaa Ruubaadaariin waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchise gabaasa dhiyeessiteen dhugaa hidhichaa balballoomsiteetti.

Hidha Itiyoophiyaanonni deeggarsa alaa malee beekumsaa fi qabeenya ofiin ijaarratan jechuun ibsite.

Hidhi Olkaa’iinsa meetira 145 fi Kiiloo Meetira 1.8 dheeratu kun Itiyoophiyaarra darbee naannawichaaf humna dhiyeessaa jiraachuu gabaasa isheen kaafteerti.

Gabaasa CNN Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichaa ilaalchisee dhiyeesserratti yaada kan kennan Hojii Raawwachiisaan ijaarsa Piroojektichaa Injinar Kiflee Horroon, hidhichi Anniisaa Elektirikii Meegaa waattii kuma 5 fi 150 oomishuuf dandeettii qabaachuu himan.

Itiyoophiyaan haala biyyoota yaa’a gadii hin miineen fayyadamaa jiraachuu kaasan.

Sababa hidhichaan hammi bishaanii hir’ise jechuun himannaan Ijipti dhiyeessitu bu’uura kan hin qabne ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu mirga guutuu kan qabdu ta’uu hubachiisuun, biyyoota biroorratti dhiibbaa uumuuf fedhii kan hin qabne ta’uu ibsan.

Hidhichi yeroo ammaa tarbaayinoota 13’n anniisaa maddisuun Itiyoophiyaanoota miiliyoona 6 ol fayyadamtoota Tajaajila Elektirikaa taasisuu dubbatan.

Akkasuma biyyootta ollaa Sudaan, Jibuutii, Keeniyaa fi Taanzaaniyaaf humna dhiyeessaa jiraachuu kaasuun, yeroo itti aanu ammoo Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaaf dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himan.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa Humna Elektirikaa qofa osoo hin taane bakka ga’umsa Turistootaa fi madda oomisha Qurxummii ta’uun eeran.

Miikiyaas Ayyaalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.