Fana: At a Speed of Life!

Itoophiyaan Qabeenya Turizimii Ishee kuufamaa Sirnaan Fayyadamuuf Imala Jalqabde – CNN

Finfinnee, Adooleessa 28, 2018 (FMC) – Buufanni televiizhinii Ameerikaa CNN sagantaa isaa “Connecting Africa” jedhamu keessatti guddina dinagdee Itiyoophiyaa bal’inaan gabaaseera.

Akka gabaastuun CNN Viiktooriyaan ibsiteetti, Itiyoophiyaan kanaan dura addunyaa irratti baay’inaan bunaan beekamti turte. Amma garuu dameewwan dinagdee garaagaraa babal’isuun hojiiwwan misoomaa babal’aa hojjechaa jirti; hojiiwwan kanneenis addunyaatti beeksisaa jirti.

Gabaasichi Itoophiyaan qabeenya tuurizimii guddaa akka qabdu ibsee, mootummaa biratti dameewwan xiyyeeffannoo addaa argatan keessaa tokko tuurizimii ta’uu eerera.

Kana keessaa, Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, kan bara Faranjootaa 2023tti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) irratti hambaa addunyaatti galmaa’e fi hektaara kuma 250 ol kan uwwisu bal’inaan gabaafameera.

Paarkiin kun paarkiiwwan biyyattii keessatti argaman 27 keessaa tokko yoo ta’u, bineensota addunyaa irraa dhabamaa jiran hedduu kan of keessatti qabatu ta’uunis gabaasicha keessatti ibsameera.

Gabaastuun Viiktooriyaan xiyyeeffannoo mootummaan damee turizimiif kenne fi invastimantii geggeeffamaa jiru ilaalchisee yoo ibsitu, misoomni bu’uuraalee daandii akkasumas ijaarsi Loojii Ikoo sadarkaa idil-addunyaa guutuutti ragaa qabatamaan akka raawwataman ibsiteetti.

Kunis turistoota biyya keessaa fi alaa hawwachuuf gumaacha guddaa akka qabu eerteetti.

Itoophiyaan qabeenya turizimii ishee kuufamaa yeroo dheeraaf akka gaariitti akka hin fayyadamne kan yaadatamu yoo ta’u, mootummaan cabiinsa ture furuun damee kana utubaawwan dinagdee biyyattii keessaa isa tokko taasisee xiyyeeffannoon irratti hojjechaa jira.

Dameen kun akka dagaaguuf imaammata baasuu irraa jalqabee, dhaabbilee deebisanii gurmeessuu, hambaalee suphuu fi bakkeewwan haaraa turizimii babal’isuun hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.

Har’as dameen turizimii guddina olaanaa agarsiisaa jiraachuun isaa madda galii dinagdee biyyattii keessaa isa ijoo ta’aa dhufeera.

Kanaan walqabatee, pirojektoonni Gabetaa Laa Shaggar, Gabetaa Laa Hagar fi Gabetaa Laa Tiwulid, kan kaka’umsa Muummee Ministiraa Obbo Abiy Ahimad (Dr.) jalatti hojii irra oolan, damee turizimii guddisuuf shoora olaanaa taphataniiru.

Dinagdeen biyyattii damee hedduu irratti akka hundaa’u taasifamuun, qabeenya turizimii guddaa Itiyoophiyaan qabdu caalaatti fayyadamuuf carraa bal’aa akka uumu CNN gabaasa isaa keessatti ibseera.

Mihirat Damiseen

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.