Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob biyyoota biroof fakkeenya ta’e…

Finfinnee, Adoolessa 29, 2018(FMC)- Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob biyyoota biroof fakkeenya kan ta’udha jedhan Ministirri Ce’umsa Diijitaalaafi Innooveeshinii Beeniin Dooktar Maahuunaa Akipiloogaan.

Jilli Ministira Ce’umsa Diijitaalaafi Innooveeshinii Beeniin Dooktar Maahuunaa Akipiloogaan durfamu Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob daawwateera.

Ministirichi wayita kana mootummaan Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun dhamaatii lammiilee hambisuuf hojiin hojjechaa jiru kan dinqisiifatamudha jedhan.

Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob daawwachuun isaanii muuxannoo gaarii qooddachuuf akka isaan gargaaru ibsaniiru.

Kenniinsi tajaajilaa diijitaalaa jireenya guyya guyyaa lammiilee salphisuuf, yeroo qusachuu fi hojimaata ammayyeessuuf qooda olaanaa qabaachuu Masoob qabatamaan akka mul’ise jilichaaf ibsameera.

Jilichi yeroo itti aanutti adeemsa hojiirra oolmaa waraqaa eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaa, Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa akkasumas Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii daawwachuun muuxannoo kan qooddatu ta’uu eerameera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.