Balaa hir’suuf tumsi hawaasaa murteessaa dha
Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti sagantaan sosochii torbee nageenya tiraafikaa dhaadannoo ” Balaa Tiraafikaa Lubbuu namaa fi qabeenya irra dhaqqabaa jiru tokko taanee haa ittisnu ! ” jedhuun geggeeffameera.
Sosochii torbee nageenyaa tiraafikaa hubannoo uumuurratti xiyyeeffate kun sadarkaa magaalaa Asallaattis guyyaa geggeeffameera.
Saganticha Ejensii Geejjibaa fi Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalichaatu waliin qopheesse.
Ittigaafatamaan Ejensii Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Muhaammad Jaarraa saganticha irratti akka dubbatanitti, balaa lubbuu namaa fi qabeenya irra ga’u hambisuuf gaheen qaamolee qooda fudhattootaa keessumaa kan hawaasa bal’aa olaanaa dha.
Darbaa fe’un, ariitiidhaan konkolaachisuun, mallattoowwan tiraafikaa sirnaan itti fayyadamuu dhabuun sababoota balicha hammeessan keessaa warreen ijoo ta’uus eeran.
Rakkoo kana xiqqeessuuf qaamoleen nageenyaa, to’attootni tiraafikaa fi ogeeyyiin to’annoo bobbii alseerummaa konkolaachiftoota biratti mul’atu to’achuuf hordoffii cimaa gochuu akka qaban kan dhaaman ammoo Itti Gaafatamaa Kutaa Olaanaa Ittisa yakkaa Qajeelchaa Poolisii Bulchiinsa Magaalichaa Komaander Sadiiq Badhaasoo ti.
Miidhaan balaa kanaan ga’u akka hir’atuuf hubannoo hawaasaa cimsuun qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota irraa kan eegamu ta’uu fi hawaasnis kana hubatee hojicha tumsuu akka qabus dhaamaniiru
Muhaammad Guddataatu gabaase
#Oromia #Ethiopia