Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Tola Ooltummaa gara aadaa dhaabbilee ta’uutti ce’eera- Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Tajaajilli Tola Ooltummaa waqtii Gannaa gara aadaa dhaabbilee ta’uutti ce’eera jedhan Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan.

Ministeerichi sagantaa tajaajila tola ooltummaa Gannaa bara kanaa Naannoo Sidaamaa aanaa Shabaadiinootti eegalchiiseera.

Dooktar Habtaamuu Ittafaa wayita kana Ministeerichi tajaajila tola ooltummaa waqtii Gannaa naannolee garaagaraatti hojjetu bara kanas cimee itti fufuu ibsaniiru.

Sagantaa kanaanis manneen torba haaromfamuu, biqiltuun ashaaraa magariisaa kumni 50 ol dhaabbachuu akkasumas arjoomni dhiigaafi deeggarsi meeshaalee barnootaa godhamuu Ministeerichi ibseera.

Goohi Nugusuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.