Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itoophiyaa deebii argachuun Ertiraa dabalatee biyyoota naannawaa fayyada – Roggeessa Ertiraa Iyyuu’eel Yohaannis

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeessite deebii argachuun Ertiraa dabalatee biyyoota naannawaa fayyadamoo taasisa jedhe roggessi lammiin Eritraa Iyyuu’eel Yohaannis.

Iyyuu’eel Yohaannis hundeessaa dhaabbata “Samayawii Maa’ibal” jedhamuu fi dimokraasii fi haqni Ertiraatti akka mirkanaa’u hojjetu yoo ta’u, dhaabbatichi nageenyi fi misoomni ummata Ertiraa akka dhugoomuuf Ertiraawwan biyya alaa jiraatan fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin hojjechaa jira.

Iyyuu’eel Yohaannis turtii Faanaa Diijitaalaa waliin dhimma yeroo irratti geggeesseen, gaaffiin buufata galaanaa Itiyoophiyaan kaaste nageenyaa fi misooma biyyoota naannawaa cimsuuf murteessaa waan ta’eef deebii akka argatuuf tumsa cimaan ni hojjenna jedheera.

Gaaffiin ulaa galaanaa deebii argachuun addumatti Ertiraa haala olaanaan akka fayyadu ibseera.

Itiyoophiyaan buufata galaanaa argachuun nageenyaa fi misooma naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa akka qabu bal’inaan ibseera.

Keessattuu ummata Ertiraa sirna abbaa irree jalatti rakkoof saaxilamee fi misooma hawwuuf kun bu’aa guddaa qaba jedheera.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun walitti hidhamiinsa daldalaa cimsuu fi diinagdee kakaasuun caalaatti Ertiraan fayyadamtuu akka taatu eereera.

Gaaffii Itiyoophiyaan kaasite deebisuuf biyyoonni naannawichaa tumsa isaanii cimsuu akka qaban ibsuun, ummanni Ertiraa gaaffii buufata galaanaa kana akka deeggaru hubachiiseera.

Itiyoophiyaan buufata galaanaa yoo qabaatte, daldalli daangaa ce’uu fi sochiin uummata biyyoota lamaanii gidduutti akka dabalu, kunis hariiroo hawaasummaa uummattootaa akka cimsu Iyyuu’eel ibseera.

Uummanni Itiyoophiyaa fi Ertiraa waliin hojjechuun Daandii Galaana Diimaa saamtoota galaanaa, shororkeessummaa fi daddabarsa seeraan alaa namoota irraa eeguu keessatti mootummaa fi uummata biyyoota lamaaniif humna waloo cimaa uumuuf akka gargaaru ibseera.

Mihirat Damiseetiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.