Humna ummataa misoomaaf oolchuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee,Hagayya 13, 2018 (FMC)- Humna ummataa misoomaaf oolchuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.
Mata dure “Gargaaramtummaarraa gara Oomishtummaatti, kabajaafi birmadummaa biyyaa guutuu ta’eef!” jedhuun hojii humna keessoon balaa dandamachuu guddisuuf akka naannootti hojjetamaa jiruufi raawwii Kenna tajaajila lammummaa gannaa irratti gamaaggamni gaggeeffameera.
Gamaggama kanaan kenna tajaajila lammummaa gannaafi gargaaramtummaarraa gara omishtummaatti ce’uuf hojii hanga ammatti hojjetameen raawwii abdachiisaan galmaa’uun ibsameera.
Obbo Kaffaaloo Tafarraa wayita kana, hoggansiifi manneen hojii dhimmi ilaallatu dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuun bu’a-qabeessummaa karoora waloo mirkaneessuuf itti siqeenyaan hogganuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Hirkattummaa jalaa bahuun hojjedhee of jijjiiruun qaba ilaalcha jedhu dagaagsuuf hojiin ilaalcha jijjiiruu ciminaan hojjetamuu akka qabu hubachiisuun, humna ummataa misoomaaf oolchuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Hoggansiifi qaamni dhimmi ilaallatu imala hirkattummaarraa gara oomishtummaatti taasifamuufi kenna tajaajila lammummaa milkeessuuf kutannoo olaanaafi miira itti gaafatamummaa guddaan akka hojjetan kallattii kaa’uu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia