Fana: At a Speed of Life!

Maanchiister Yunaayitiid Kaarloos Baaleebaa mallatteessisuufi

Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC) -Maanchiister Yunaayitiid taphataa sarara gidduu Kaameeruun Kaarloos Baaleebaa kilabii Biraayitan irraa mallatteessuuf dhiyaateera.
Maanchiister Yunaayitiid taphataa kanaaf kaffaltii dabarsa paawundii miliyoona 60 dhiyeessuuf ta’uu ‘The Athleticts’ gabaaseera.
Taphataan umurii waggaa 22 ta’e, kun yeroo hedduu Maanchiister Yunaayitiid biratti barbaadamaa ture.
Baaleebaan waggoota sadii darban Biraayitan keessatti taphachuun, walumaagalatti taphoota 112 irratti hirmaateera.
Maanchiister Yunaayitiid sarara giddu galeessaa isaa cimsaa kan jiru yoo ta’u, kanaan dura Yurii Ti’elemaansii fi Andree Saantoos mallatteessisuu isaa ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.