Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii Pirezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itiyoophiyaa…

Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC) — Obbo Iisaayyaas Jiraa Booshoo filannoo Pireezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa irratti qofaa isaanii dorgommiif dhiyaataniiru.

Filannoon Pirezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Fulbaana 5, 2019 akka gaggeeffamu ni beekama.

Haaluma kanaan, Koreen Raawwachiiftuu Filannoo hanga Hagayya 4, 2018tti kaadhimamtoota galmeessuu isaa beeksiseera.

Koreen kun walga’iiwwan Hagayya 5, 11 fi 13, 2018 geggeesse irratti sanadoota kaadhimamtoota dhiyaatanii fi ulaagaalee isaanii qorachuu fi mirkaneessuu isaa ibseera.

Haaluma kanaan, filannoo Pirezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa irratti dorgomaa ta’uun kan dhiyaatan Obbo Iisaayyaas Jirraa Booshoo qofa ta’uu odeeffannoon Federeeshinichaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.