Fana: At a Speed of Life!

Aadaa Siyaasaa Haaraa…

Ijoolleen Itiyoophiyaa kutaalee biyyattii garaagaraarraa walitti babba’an guyyoota 40’f walitti aansuun waltajjii tokkorratti mari’achuun, yaada wal jijjiiruun seenaa haaraa barreessaniiru.

Mana keenya waliinii, jechuunis waa’ee egeree Itiyoophiyaa fi waa’ee tokkummaa keenyaa ilaalchisee mari’ataniiru; wal dhaggeeffataniiru; yaada waliif dhiyeessaniiru. Kunis seenaa biyya keenyaa keessatti hojii kanaan dura hin baratamne, akkasumas boqonnaa siyaasaa haaraa kan banedha.

Adeemsi Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan garaagarummaa siyaasaa fi hawaasummaa seenaa ishee keessatti mudate marii fi waliigaltee uummataatiin furuuf jalqabde, nageenyaa fi misooma waaraa biyyattii keessatti boqonnaa murteessaadha.

Adeemsi kun aadaa siyaasaa biyyattii filmaata humnaa fi maraanmartoo walitti bu’iinsaa irraa gara marii nagaa fi wal dhaggeeffannaatti jijjiiruuf tattaaffii seena-qabeessa taasifamedha.

Adeemsa marii kana keessatti fakkeenyawwan hedduun biyyaafis ta’e ardii Afrikaaf fayyadan uumamaniiru. Inni jalqabaa, aadaa wal dhaggeeffachuu fi wal kabajuun hawaasni garaagarummaa fi gaaffilee qabu akka hiikkatuuf dandeessisu dagaagsuu isaati.

Garaagarummaa waggoota dheeraa turan humnaan osoo hin taane walitti dhiyaatanii mari’achuun furmaata waliinii barbaaduun nageenya waaraa fiduu akka danda’u adeemsi kun qabatamaan agarsiiseera.

Muuxannoo fi barumsi marii kana irraa argame inni biraan hirmaachisummaa fi uummanni abbummaan qooda fudhachuudha.

Adeemsi marichaa hirmaattota kutaalee biyyattii hunda irraa walitti babba’an, abbootii amantii fi humnoota siyaasaa garaagaraa bal’inaan hirmaachisuu waan danda’eef, mariin kun marii hayyootaa fi hooggantoota siyaasaa muraasa qofaa osoo hin taane, sagaleen uummata bal’aa akka dhagahamu taasiseera.

Dhumarrattis, aadaa dhimma bu’uuraa ijaarsa mootummaa fi dhimmoota heera mootummaa irratti ifatti mari’achuu fi yaada wal jijjiiruu dagaaguu danda’eera. Kunis nageenya, tokkummaa fi misooma Itiyoophiyaatiif bu’uura amansiis kan kaa’udha.

Injifannoo cululuqaan kun caalaatti milkaa’ina akka argatuuf hirmaannaan ho’aan Itoophiyaanota hundaa barbaachisaadha.

Injifannoo kana nageenya kabachiisuun, faayidaalee biyyaalessaa keenya eeguudhaan, akkasumas qabsoo hadhaa’aa hiyyummaa injifachuuf goonuun irra deebiin mirkaneessuu qabna.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.