Milkaa’ina har’aa gara gahuumsa biyyaalessaatti jijjiruun ijaarsa biyyaa waloo irratti xiyyeeffannoon ni hojjenna- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC)- Milkaa’ina har’aa gara gahuumsa biyyaalessaatti jijjiruun ijaarsa biyyaa waloo irratti xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karooraa kurmaana jalqabaa bara 2019 gaggeessaa jira.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti har’a madaallii raawwii hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara baajataa 2019, kurmaana jalqabaa gaggeessuu eegalleerra.
Waggoota shanan darban keessatti waadaa uummata keenyaaf seenne caalaa hojiin raawwachuun milkaa’ina galmeessineerra jedhan Aadde Adaanech.
Milkaa’ina kana bu’uura godhachuun, waggoota shanan itti aananiif karoora tarsiimoo waggaa shanii fi karoora bara baajataa 2019 qopheessinee, bu’aa caalu galmeessuun jireenya uummata qabatamaan fooyyessuuf qophoofneerra jechuun eeraniiru.
Milkaa’inni hojii keenyaa baay’ina hojii raawwatame qofaan hin madaalamu jedhan Aadde Adaanech.
Gamaaggamni inni guddaan ba’aa jireenyaa uummata keenyaa hammam salphifne, qulqullinaa fi gahumsa tajaajiloota hammam fooyyessine, akkasumas dandeettii dhaabbilee yeroo dheeraa turuu fi bu’aa waaraa fiduu danda’u hammam ijaarre kan jedhu ta’uu kaasaniiru.
Akka yaadama mootummaa Ida’amuutti ,dandeettii dhaabbilee, qabeenyaa fi beekumsaa walitti qindeessuun bu’aa har’aa gara dandeettii boruutti, milkaa’ina har’aas gara dandeettii biyyaalessaa waaraatti jijjiiruun ijaarsa biyyaaf xiyyeeffannee ni hojjenna jedhan.
Finfinneen magaalota Itiyoophiyaa biroof fakkeenya, magaalota addunyaa waliin dorgomaa fi jiraattota isheetiif jireenya fooyya’aa mirkaneessitu ta’uu qabdi.
Kana galmaan ga’uuf hoggansa qindaa’aa, dhaabbilee cimaa fi raawwii hojii fedhii fi faayidaa uummata giddugaleessa godhateen hojjechuun murteessaadha.
Hojiin har’aa dandeettii boruu keenya; bu’aan har’aas bu’uura qaroominaa Itiyoophiyaa boruu ta’uu himaniiru.
#MootummaaIda‘amuu