Milkaa’ina damee qonnaa Olka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneesse…
Milkaa’inni Itiyoophiyaan bara baajataa xumurame keessa damee qonnaan galmeessite olka’iinsa biyyattiif agarsiistuudha.
Dameen qonnaa bu’uura dinagdee fi jireenya uummata Itiyoophiyaa keessaa isa ijoodha.
Bara 2018 keessa dameen kun oomisha dabaluuf, galii qonnaan bultootaa guddisuuf, akkasumas wabii midhaanii mirkaneessuuf hojiiwwan gara garaa hojjetameera.
Guyyoonni shanan Qaammee bara kana mata duree Olka’iinsa Itiyoophiyaa jedhuun kan kabajamu yoo ta’u, milkaa’inoota damichaan argaman yaadachuun kabajama.
Imalli Itiyoophiyaan nyaatan of danda’uu fi birmadummaa nyaataa ishee mirkaneessuuf taasiftu har’a qabatamaan mul’achuu eegaleera.
Dameen qonnaa Itiyoophiyaa oomisha midhaanii guddisuu, qonna ammayyeessuu, jallisii babal’isuu, sanyii filatamaa fayyadamuu, horsiisa beeyladaa cimsuu fi gabaa qonnaa fooyyeessuu irratti bu’aawwan mul’atan galmeessiseera.
Milkaa’inoonni kun galii qonnaan bultootaa guddisuu fi dinagdee biyyaatiif gumaacha taasisuu keessatti gahee bahachaa jira.
Keessattuu misooma qamadii jallisii Bonee, Qonna Kilaasteraa fi oomishtummaa guddisuun bu’aaleen argaman boqonnaa seenaa bananiiru.
Bara 2018 keessa oomishni qamadii jallisii bonaa milkaa’ina guddaa argamsiiseera.
Qonnaan bultoonni bishaan jallisii fi sanyii filatamaa fayyadamuun yeroo bonaa qamadii oomishuun oomishtummaa fi galii isaanii guddifachuu danda’aniiru.
Oomishni bara baajatichaa keessa argames seenaa Itiyoophiyaa keessatti kan jalqabaati.
Lafa hektaara miiliyoona 33.5 misoomsuun callaa kuntaalli biiliyoonni 1.5 ol argameera.
Bara oomishichaa Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 20 qonnaan bultootaaf raabsameera.
Oomisha Qamadii Jallisii Bonaarraa qofa Callaa Kuntaalli miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 49 argameera.
Sagantaa Maaddii Guutuun Aannan Liitirri biiliyoonni 15.8, Dammi Tooniin kumni 400 fi kumni 27.9, Killeen biiliyoonni 11.7 oomishameera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan biiliyoonni 7.7 dhaabbataniiru.
Oomishaalee Bunaa, Abaaboo, midhaan Zayitaa fi bu’aalee Loonii alatti ergamanirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 4.55 argameera.
Hojiin qonna ammayyeessuu bara baajataa 2019 keessas caalmaatti cimee kan itti fufa.
Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaan lafa heektaara miiliyoona 11 fi kuma 100 ol misoomsuun irraa callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 80 fi kuma 600 ol sassaabuuf hojjetamaa jira.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia