Fana: At a Speed of Life!

Imala Badhaadhina Itiyoophiyaa fi Ga’ee Dippiloomasii Tarsiimawaa

Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan guddina dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuufi faayidaa biyyaalessaa ishee kabajchiisuuf imaammatawwan misoomaa fi dippiloomaasii dandeettii oomishaa biyya keessaa guddisuu fi hariiroo biyyoota biroo waliin qabdu cimsuuf gargaaru baasuun hojiirra oolchaa jirti.

Imalli badhaadhinaa biyyattii jijjiirama dinagdee, babal’ina invastimantii, fooyya’iinsa dameewwan oomishaa fi hariiroo dippiloomaasii bu’a qabeessa waliin kan walqabatu yoo ta’u, tarkaanfiiwwan dameewwan kanneen keessatti fudhataman guddina dinagdee deeggaruu fi carraawwan tumsa idil-addunyaa babal’isuuf gahee guddaa qabu.

Mootummaan Ida’amuu guddina dinagdee saffisiisuu, tasgabbii dinagdee waliigalaa mirkaneessuu fi gahee dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qabu guddisuuf Sagantaa Haaromsa Dinagdee Biyya Keessaa hojiirra oolcheera. Kanaanis bu’aa qabatamaan guddina dinagdee biyyattii keessatti mul’achuu eegaleera.

Gabaasni Dhaabbatni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) Amajjii 2026 baase akka agarsiisutti, dinagdeen Itiyoophiyaa bara baajataa 2024/25 keessa dhibbeentaa 9.2n guddateera.

Guddinni kun sochii dameewwan albuudaa, ijaarsaa, oomisha indaastirii fi oomisha qonnaa mijataa ta’een deeggaramuun kan galmaa’e akka ta’e gabaasichi ni mul’isa.

Guddinni dinagdee waliigalaa biyyattiin galmeessuuf karoorfattee hojjechaa jirtu kanaa ol ta’us, IMF guddinni dinagdee biyyattii bara baajataa 2025/26tti dhibbeentaa 9.3 caaluu akka danda’u tilmaameera.

Guddina dinagdee kana dhugoomsuuf oomishtummaa qonnaa guddisuu, dandeettii indaastirii cimsuu, invastimantii hawwachuu, oomishaalee al-ergii babal’isuu fi carraawwan hojii uumuu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira.

Guddina kana milkeessuun badhaadhina biyyattii lafa qabsiisuuf imaammannii fi tarsiimoon dinagdee Mootummaa Ida’amuun hojiirra oolaa jiru biratti, imaammanni alaa faayidaa biyyalessaa giddu galeessa godhachuun hojiirra oolaa jiru shoora olaanaa qabaata.

Dippiloomaasiin Itiyoophiyaa yeroo ammaa dhimma nageenyaa fi hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu qofaan osoo hin daanga’in, daldala, invastimantii, babal’ina bu’uuraalee misoomaa, tumsaa naannawaa fi ulaa galaanaa dabalatee dhimmoota tarsiimawoo hedduu irratti xiyyeeffateera.

Keessumaa birmaddummaa fi imala badhaadhinaa biyyattii milkeessuuf murteessaa kan ta’e dhimmi ulaa galaanaa argachuu waltajjiiwwan marii idil-addunyaa irratti akka ka’uuf hojiin dippiloomaasii guddaan hojjetamaa jiraachuu ragaaleen Ministira Dhimma Alaa ni mul’isu.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu kun seera idil-addunyaa fi faayidaa waloo irratti akka hundaa’e beekamaa dha.

Dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf barbaachisaa ta’uun isaa fedhii daldala idil-addunyaa, baasii geejjibaa, walitti hidhamiinsa gabaa fi nageenya dhiyeessii waliin walqabata. Kanaafis tattaaffiin kun waliigaltee qofa osoo hin taane, tumsa biyyoota naannawaa waliin uumamu, kabaja birmadummaa biyyootaa fi bu’aa waloo irratti hundaa’a.

Itiyoophiyaan gaanfa Afrikaa keessatti argamuun ishee hariiroo biyyoota ollaa waliin qabduuf hiika tarsiimawaa qaba.

Tumsa naannawaa cimsuun Itiyoophiyaaf carraa gabaa babal’isuu, oomishaalee ishee gabaa alaatti ergachuu, invastimantii hawwachuu fi rakkoolee nageenyaa karaa marii fi waliigaltee hiikuuf gargaara.

Dippiloomaasiin bu’a qabeessi Itiyoophiyaan biyyoota biroo waliin hojiirra oolchaa jirtu kun wal amantaa ijaaruu, faayidaa waloo mirkaneessuu fi tumsa dam hedduu dhugoomsuuf hordofaa jirtu, tasgabbii naannawaa, daldala bilisaa fi carraa misooma waloo mirkaneesaa jira.

Tumsi biyyattiin dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa fi invastaroota waliin uumaa jirtus gama carraawwan faayinaansii babal’isuuf, beekumsa haaraa horachuuf , ce’umsa teeknooloojii fi carraa gabaa argachuuf gumaacha guddaa fidaafii jira.

Itiyoophiyaan guddina eegalte kana cimsitee itti fufsiisuuf haaromsa dinagdee hojiirra oolchaa jirtu cimsuu, dippilomaasii faayidaa waloo bu’uureffate ballisuun karaa humni sharafa alaa, tasgabbii dinagdee fi tajaajilli liqii biyya alaa itti fufiinsa qabu jiraatu mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dhaabbileen faayinaansii idil addunyaa ni gorsu.

Haririroon dippiloomaasii fi tumsi dhaabbilee idil-addunyaa waliin hordofaa jirtuus guddina dinagdee galmeessaa jirtu keessatti dhiibbaa kallattii uumaa jiraachuutu himama.

Itiyoophiyaan carraawwan misoomaa fi dippiloomaasii hedduu qabdu kana guutummaatti fayyadamtee imala badhaadhinaa ishee kana caalaatti milkeessuuf qormaatawwan tasgabbii nageenyaa, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa, hanqina carraa hojii, ba’aa liqii fi hir’ina deeggarsa misoomaan dhimmoota walqabatan furuuf jabaattee hojjechaa jirti.

Gama dippiloomaasiitiinis, hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuun, dhimma ulaa galaanaa irratti karaa seera idil-addunyaa fi marii nagaa irratti hundaa’een hojjechuun, akkasumas faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi faayidaa waloo mirkaneessuun murteessaa dha.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.