Rakkoolee ramaddii barattootaa irratti mul’atan furuuf hojimaanni teeknooloojiin deeggarame diriirfamuufi- Ministeericha
Finfinnee, Hagayya 28, 2018(FMC)- Yuuniivarsiitiiwwanitti rakkoolee ramaddiifi jijjiirraa barattootaa irratti mul’atan furuuf bara barnootaa itti aanu irraa eegalee hojimaanni teeknooloojiin deeggarame diriirfamuufi jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.
Piroofeesar Birhaanuu Naggaan Pireezidaantota Yuunivarsiitiiwwan mootummaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.
Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana, Yuuniivarsiitiiwwan dhaabbilee akkaadaamiifi qorannoo ogummaan fi duudhaaleen naamusa gaarii keessatti horataman ta’uu ibsaniiru.
Ramaddiin barattootaa sabdaneessummaa, walkabaja, waldanda’uufi tokkummaa biyyaalessaa akkaataa cimsuu danda’uun ta’uu akka qabus eeraniiru.
Rakkoolee ramaddiifi jijjiirraa barattootaa irratti mul’atan furuuf bara barnootaa itti aanu irraa eegalee hojimaanni teeknooloojiin deeggarame hojiirra kan oolu ta’uus kaasaniiru.
Itti fayyadama bajataa ilaalchisees dhaabbileen baajata ramadameefiif qusannaan fi itti gaafatamummaan hojiirra akka oolchan hubachiisaniiru.
Yuuniivarsiitiiwwan guddugaloota beekumsaa biyya ceesisan ta’uu akka qabanis dhaamuu isaanii ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia