Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Loojistiksii Ammayyaa Moojoo eebbisan
Finfinnee, Qaammee 5, 2018( FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad boqonnaa jalqabaa babal’ina Giddugala Loojistiksii Ammayyaa Moojoo eebbisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa magaalaa Moojootti argamnee Itiyoophiyaaf akkasumas milkaa’na naannawaa daldala bilisaa Afrikaaf qooda olaanaa kan bahatu boqonnaa jalqabaa babal’ina Giddugala Loojistiksii Ammayyaa Moojoo eebbisneerra jedhan.
Giddugalli loojistiksii kun lafa heektaara 60 irratti ijaaramuus kaasaniiru.
Pirojektiin kun buufataaleefi man-kuusaawwan waggaatti konteeyinaroota abbaa faana 20 hanga miiliyoona 1 keessuummeessuu akka danda’u kaasanii, fe’umsawwan bittinnaa’oo biyya keessatti saamsuuf dandeessisuun isaa sharafa alaa qusachuurra darbee lammiileef carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu eeraniiru.
Saffisa hojimaata giddugalichaa guddisuuf biyya keenyatti yeroo jalqabaaf kan dhaabbate Kireeniin baabura irraa jijijjiirraa konteeyinarii sarara baaburaa irratti raawwatamu saffisa olaanaan raawwata jedhan.
Hojimaanni isaas bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa ammayyaan kan walitti hidhame ta’uufi mamiltootaaf tajaajila si’ataafi amansiisaa akka kennu ibsaniiru.
Giddugalli kun sarara Itiyoo-Jibuutiirra darbee qaama kooriidarii “Dasuu” Itiyoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Ugaandaa walitti hidhu yoo ta’u, kunis sadarkaa biyyi keenya loojistiksii idil-addunyaa irratti qabdu kan fooyyessu; walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa gara boqonnaa guddinaa haaraatti ceesisuuf carraa guddaadha jedhaniiru.