Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Sagantaa xumura dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa raawwatan

Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ta’uun xumura sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “ Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun gaggeeffamaa ture biqiltuu dhaabuun raawwataniiru.

Xumuramuu dhaabbii biqiltuu bara 2018 wayita ibsinu tokkoon tokkoo biqiltuu dhaabamee mallattoo waloomaa, haaromsaa fi guddina waaraa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad yaadachiisaniiru.

Tokkummaa cimaa fi tattaaffii waloo keenyaan Itiyoophiyaa jabduu, badhaatee fi egeree ifaa qabdu arguuf abdii guutuu qabannee gara fuulduraatti imalla jechuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.