Itiyoophiya, biqiloota biliyoona 56.8 dhaabuun addunyaarratti seenaa haaraa galmeessite…
Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin, sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegalteen biqiloota biliyoona 56.8 dhaabuun addunyaa irratti seenaa haaraa galmeessiteetti.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa kun dhiqama biyyee, cirama bosonaa fi miidhama lubbu qabeeyyii bosonaa, akkasumas qaamoleen bishaanii goguu dabalatee gufuuwwan misoomaa akka biyyaatti mudatan hedduu hambisuuf kan jalqabamee dha.
Boqonnaa jalqabaatiin biqiloota biliyoona 50 hirmaannaa hawaasaatiin dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, waggoota 8 keessatti biqiloota biliyoona 56.8 dhaabuun addunyaa irratti seenaa haaraa galmeessiteetti.
Biqiloota waliigalaan dhaabaman keessaa biliyoona 3 kan ta’an, sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon dhaabamuun seenaa ta’ee galmeeffameera.
Biqiloota sagantaa kanaan dhaabaman keessaa %60 kan ta’an biqiloota nyaataafis ooluu danda’an, kanneen akka fuduraalee, bunaa fi nyaata horii yoo ta’an, kanneen hafan immoo biqiloota bosonaati.
Injifannoon misoomaa guddaan kun kan milkaa’e, Ministira Muummee irraa eegalee hanga sadarkaa gadiitti hoggansa kutannoo fi qindoominaan kennameen.
Hoggansi qindaa’aan kenname kunis uummata miliyoona 25 ol ta’u sochoosuu danda’eera.
Biqiltuu dhaabuun alatti, ciramni bosonaa haala olaanaan hir’achaa kan dhufe yoo ta’u, cirama bosonaa hektaara kuma 92 irraa gara hektaara kuma 27tti gadi buusuun danda’ameera.
Biyyeen maasii qonnaa irraa dhiqamu waggaatti hektaararraa toonii 130 ture, amma gara toonii 54tti hir’ateera.
Biyyeen waggaatti gara qaamolee bishaaniitti dhiqamee galus toonii biliyoona 1.9 irraa gara toonii miliyoona 200 fi miliyoona 8tti hir’achuu ragaaleen ni mul’isu.
Sagantaan kun carraa hojii dargaggootaa fi dubartoota miliyoona 2.6tti siqaniif uumuu fi bakkaa bakkatti kilaasteroota fuduraa fi bosonaa uumamuun wabii dinagdee qonnaan bultootaa ta’aa dhufuun bu’aalee sagantichaa keessaa isa tokko ta’eera.
Sagantaan kun dargaggoonni biyya isaanii akka jaallatan, akka quuqaman fi akka tumsan kan gargaare yoo ta’u, akka biyyaatti sagantaa misoomaa guddaa karoorfachuu fi hojiirra oolchuu akka dandeenyu muuxannoo irraa argannee, addunyaattis ittiin agarsiisneera.
Keessumaa qormaatilee idil-addunyaa, akka jijjiirama qabeenya qilleensaa fi babal’ina gammoojjummaa waliin walqabatan keessatti, biyyi keenya miidhamtuu qofa ta’uurra qaama furmaataa ta’uu ishee addunyaatti kan ittiin argisiisteedha.
#Oromia #Ethiopia