Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Fiigicha Daandiirraa Addunyaa sadarkaa 2ffaa qabachuun xumurte
Finfinnee, Fulbaana 10, 2019 (FMC) – Shaampiyoonaa fiigicha daandiirraa addunyaa Deenmaark magaalaa Koppenhasgentti gaggeeffameen Itoophiyaan sadarkaa lammaffaa qabachuun xumurteetti.
Shaampiyoonaa guyyoota lamaaf geggeeffamaa ture kun har’a kan xumurame yoo ta’u, atileetotni biyyoota 86 irraa walitti baba’an 450 ol hirmaataniiru.
Itiyoophiyaan walakkaa maaratoonii ramaddii dhiiraa fi dubaraan, fiigicha kiilo meetira shanii dhiiraa fi dubaraa fi adorgommii maayila tokkoo dubartootaan hirmaatteetti.
Haaluma kanaan madaaliyaa warqee tokko, meetii lamaa fi naasa tokkoon, waliigalaan madaaliyaa afur argachuun sadarkaa 2ffaa qabattee xumurteetti.
Keeniyaan warqee sadii, meetii sadii fi naasa tokkoon waliigalatti madaaliyaa torba argachuun dorgommicha olaantummaan xumurteetti.
#Oromia #Ethiopia