Tumsa hundagaleessa Itiyoophiyaa fi Imereetota Arabaa Gamtoomanii hundee cimaa irratti bu’uureffame
Finfinnee, Fulbaana 10, 2019(FMC) – Tumsi daldalaa fi investimeentii Itiyoophiyaa fi Imereetota Araboota Arabaa Gamtoomanii bu’uura cimaa irratti jabeessuun Sadarkaa olaanaatti ce’eera.
Imereetota Arabaa Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar akka jedhanitti biyyoonni lamaan dippiloomaasii dinagdee cimaa fi guddachaa dhufe qabu.
Keessumaa yeroo ammaa fooyyessa dinagdee gooroo Itiyoophiyaa hordofee haalli miijataan tumsa dinagdee biyyoota lamaanii cimsuuf dandeessisu jiraachuu dubbataniiru.
Hojiiwwan Mootummaan abbootii qabeenyaa biyyoota alaa hawwachuufi biyyattiin daldalaa fi invastimantiin addunyaa waliin walitti hidhuuf hojjechaa jiru imbaasichaa beeksisaa akka jiru eeraniiru.
Imbaasichaa dippilomaasii dinagdee cimsuuf walga’ii adda addaa irratti hirmaachuu irraa eegalee hanga investeroota adda addaa waliin mari’achuutti ciminaan hirmaachaa akka jiru dubbachuu isaanii ENAn gabaaseera.
Dhiyeenya kana jilli Piresidantii Taayyee Asqasillaaseen durfamu yaa’ii waggaa invastimantii idil-addunyaa Dubaayitti geggeeffame irratti hirmaachuu tattaaffii kana caalaatti akka cimsu ibsaniiru
Keessumaa hojiin haala tumsawwan ce’umsa indaastirii si’eessuu fi deggersa ogummaa bal’isuuf ballisuu hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Hojiin hariiroo daldalaa fi invastimantii caalaatti cimsuuf hojjetamu kun fuulduraafis jabaatee akka itti fufu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia