Fana: At a Speed of Life!

Dippilomaasii Itiyoophiyaa addunyaa jijijjiiramaa keessatti

Finfinnee, Fulbaana 10, 2019 (FMC) – Itoophiyaan gama tokko qofaan utuu hin daangeffamin humnoota idil-addunyaa addaa addaa waliin hariiroo dippiloomaasii qabdu tooftaan waliin madaaltee hogganaa jirti.

Dippiloomaasiin qaama tokko qofatti hinmaxxanne tarsiimoo ittiin waliigaltee waraanaa fi qoqqoodinsa gartummaa humnoota guguddoo gidduutti uumamu keessatti imaammata alaa bilisa ta’e hordofuu ti.

Adeemsi dippilomaasii kun keessummaa biyyoota akka Itiyoophiyaa siichi guddina irra jiraniif bu’aa hedduu kan qabu yoo ta’u biyyoonni waltajjiiwwan addunyaa irratti bilisummaa isaanii utuu hindhibin faayidaa isaanii akka kabachiifatan fi firoota akka baay’atan iif gahee guddaa taphata.

Mootummaan Ida’amuu kan hubachuun garteewwan idil addunyaa hunda waliinfaayidaa biyyaf hojjechuu danda’uun isaa Ityophiyaan giddugala dippiloomaasii fi qaamolee hundaan akka barbaadamtu dandeessiseera.

Akka fakkeenyaatti Itiyoophiyaan waraana Ameerikaa, Isiraa’eli fi Iraan keessaatti dippiloomaasii loogii maleessa kana hordofuun waraanichi karaa nagaan akka xumuramuuf biyyoota hundaaf ejjennoo qabdu ibsiteetti.

Akka ragaa Instiitiyuuttii Dhimma Alaatti mariin Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeshkiyaan waliin ggeggeessan addunyaa jijijjiiramaa ilaalcha keessa kan galche,faayidaa biyyaalessa kan bu’uureffatee fi dippilomaasii al-loogiif fakkeenya kan ta’e dha.

Haaluma wal fakkaatuun Itiyoophiyaan biyyoota Bahaa fi Lixaa waliin dippiloomaasii loogii irraa bilisa ta’e kan hordoftu yoo ta’u, kunis hariiroo daldalaa , inveestimeentii fi misoomaa akka uumtuuf balbala baneera.

Kanaanis Itiyoophiyaan dhiibbaawwan humnoota gartuuwwan hunda irraa ga’an jalaa ba’uu dandeesseetti;walitti bu’iinsaa fi muddamoota naannawaa fi idil addunyaa keessatti biyya murteessituu, araarsituu fi dhageettii kan qabdu akka taatuuf gargaareera.

Dabalataan Itiyoophiyaan dhiibbaa biyyoota jajjaboo jalaa walaba ta’uun imaammatawwan keessaa fi alaa ofii ishee fedhii isheetiin akka murteessituuf gargaareera.

Mikiyaas Ayyalaan

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.