Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 592 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 11, 2019(FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 592 gara biyyaa deebi’an jedhe Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa.
 
Lammiileen kunneen hundi isaanii dhiirota yoo ta’an kanneen keessaas 34 guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadii ta’uu ibseera.
 
‎Lammiilee kanneeniif giddugala tursiisaatti deeggarsaafi kunuunsa taasisuun hojiin maatii waliin walitti fiduu hojjetamaa jiraachuus eereera.
 
Fulbaana 5, 2018 irraa eegalee hojii lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiran ‎gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 3 ol deebi’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.