Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa nageenya galaana diimaarratti Gamtaa Awurooppaa fi Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa fi Mootummoonni Gamtoomanii nagaaf tasgabbii naannawaa Ganfaa Afrikaa fi nageenya galaana diimaarratti marii gamsadee taasisaniiru
 
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf Barreessaa Olaanaan Mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, Pireezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa, akkasumas Komishinii Gamtichaa Orsullaa Voon Daar Layan waliin mari’ataniiru.
 
Yaa’ii waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii 81ffaan cinaatti marii gaggeeffameen, keessattuu nagaaf tasgabbii naannawaa Gaanfa Afrikaa fi galaana diimaa mirkaneessuufi tumsa cimsuu akkaataa dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.
 
Haaluma kanaan walitti bu’iinsa dhaabsisuuf tattaaffii naannawaa taasifamaa jirurratti mari’achuun ibsameera.
 
Dabalataniis misooma Afrikaaf dhiyeessii faayinaansii barbaachisu dhaabbilee faayinaansii Ardiichaa cimsuuf dhimmoota dandeesisanirratti akkasumas sirna faayinaansii idil addunyaa fooyyeessuu irratti mari’achuun eerameera.
 
Ajandaan biroo marichaa wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti yoo ta’u, dhiyeessii oomisha xaa’oo biyyoo, akkasumas damee qonnaan tumsaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Komishinii Gamtaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.
 
Dhaabbileen kunneen tumsa gamsadee isaanii cimsanii iti fufuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.