Imala Olka’iinsaa Itiyoophiyaa fi milkaa’inoota Galmaa’an:
Finfinnee, Fulbaana 11,2019(FMC) – Itiyoophiyaan sakaallaa rakkoolee walxaxoo barootaaf boodatti ishee hambisanii kutachuun tulluu olka’iinsaatti olbaatee mul’achuuf imalli Mootummaa Ida’amuutiin eegalte milkaa’noota qabatamoo fidaa jira.
Milka’inooni Itiyoophiyaan dameelee garaagaraan galmeessaa jirtus qaamolee idil addunyaa adda addaan dhugaa ba’amaafi jira.
Kanneen keessaa kan jalqabaa guddinaa fi jijjirama caasaa dinagdee galmnaa’aa jiruudha.
Akka ragaaleen mootummaan yeroo yerootti ba’an mul’isanitti dinagdeen biyyattii waggoota darban keessatti guddina itti fufiinsa qabu galmeessaa jira. Hirkattummaan qonnaa qofa irra tures gara indaastirii fi tajaajiloota gara garaatti ce’uunis caasaanis jijjirama mul’ataa galmeessiseera.
Akka ragaan Baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaan ba’e argisiisutti qoodni qonnaan dinagdee biyyattii keessatti qabu bara 2011 %33.3irra ture bara 2015tti gara %32.1tti gadi bu’eera. Qoodni dinagdee tajaajilaa ammoo %40 irraa gara %40.3tti ol guddateera. Qoodni omishaaleen indaastirii dinagdee waliigalaa keessatti qabanis % 28 irraa gara %29tti ol guddateera.
Ragaaleen kunniin gabaabinaan caasaan dinagdee biyyattii qonna irraa gara dameelee birootti jijjirama qabatamaa argisiisuu eegaluu isaa ti. Kun ol ka’iinsa biyyattiif akka ragaa tokkootti kan dhiyaatuu dha.
Babal’ina bu’uuaraalee misooamaan injifannoowwan galmaa’aa jiranis olka’iinsa Itiyoophiyaa sagalee ol fuudhanii dubbachaa warra jiranii dha. Misoomni daandiiwwanii, koriidarii, buufataalee geejjibaa, ibsaa fi pirojektoonni bishaanii babal’achaa jiran fi jijjiiramonni magaalaa keessattis mul’atan gama kanaan kan eeramanii dha.
Milkaa’inoonni kunniin hundagaleessa akka ta’aniif pirojeektonni humna ibsaa fi anniisa adda addaas saffisa dinqisiisaan jijjirama fidaa jiru. Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa tumsa mootummaafi uummataan dhugoome walitti hidhamiinsa dinagdee akka naannawichaatti uumuu eegalee fi addunyaan dhugaa ba’aafii jiru dabalatee, pirojektoonni anniisaa haaraan dandeettii oomisha annisaa biyyattii guddisan hedduun hojjetamaa jiru.
Tajaajiloonni mootummaa fi dhuunfaa adeemsa baratamaa irraa gara sirna dijiitaalaatti ce’aa jirachuunis agarsiistuu olka’iinsa biyyattii isa kan biraati. Kaffaltiin elektirooniksii, baankii moobaayilaa fi tajaajilli faayinaansii dijiitaalaa babal’achuun dinagdee dijiitaalaa cimsaa jira.
Paarkiiwwan indaastirii, warshaalee fi invastimantiiwwan haaraan babal’achaa jiranis oomisha biyya keessaa guddisuu fi carraa hojii uumuun gahee guddaa taphachaa jiru.
Gama Daldala alaa fi invastimantiinis Itiyoophiyaan gabaa addunyaa keessatti hirmaannaa ishee babal’isuuf, invastimantii hawwachuu fi oomishaalee al-ergii gara garaa guddisuuf hojjechaa jirti. Akka ragaalee tokko tokkootti Itiyoophiyaan akka bara Faranjootaa 2024tti damee kanaan waggaatti doolaara Ameerikaa biliyoona 14 ol argatteetti.
Gama babal’achuu tajaajila geejjibaa fi loojistikiinis bu’aaleen qabatamaan galmaa’aa jiran imala olkaa’iinsa biyyatti milkeessuu keessatti ga’ee isaanii taphachaa jiru. Daandiiwwan, baabura, xiyyaaraafi tajaajiloonni loojistiksii dandeettii walitti hidhamiinsa biyyattii fi gabaa naannawaa cimsaa kan jiranii dha.
Qabeenya uumamaa, seenaa, aadaa fi iddoowwan hawwata turistii ta’an misoomsuun damee turizimii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Ga’een Itiyoophiyaan BRICS+, Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee idil-addunyaa biroo keessatti cimsachaa jirtus hariiroo dinagdee fi dippilomaasii ishee bal’isuun guddina waliigalaa isheef gumaachaa jira.
Dandeettii oomisha biyya keessaa kanneen akka qamadii, humna ibsaa, indaastirii fi oomishaalee adda addaa dabalaa dhufuun hirkattummaa alaa hir’isuun akka isheen of dandessee tarkaanfattuuf gumaachaa jira.
Walumaagalatti jijjiramni Itiyoophiyaan gama dinagdeen galmeessaa jirtu fi ce’umsi caasaa dinagdee galmaa’aa jiru dandeettii dippilomaasii fi hariiroo dam hedduu akka addunyaatti guddachaa dhufeen dabaalamee imalli olka’iinsaa biyyatti qabatamaatti milkaa’aa jiraachuuf ragaa jiraatoo ta’anii dhugaa ba’aa jira.
Milkaa’ina kana caalmaatti itichuuf ammoo tumsi mootummaa, seektera dhuunfaa fi hirmaannaan lammiilee cimee itti fufuu barbaachisa.