Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota dirree guddina waaraa mirkaneessuu Keessatti

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Kallattii misoomaa damdaneessa hordofaa kan jirtu Itiyoophiyaan damee tuurizimii jijjiirama dura xiyyeeffannoo gahaa hin argatin utubaalee guddinaa ishee keessaa tokko taasifachuun bu’aawwan mul’atan galmeessisuu dandeesseetti.
 
Dameen tuurizimii guddina irra jiru kun walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu fi maqaa gaarii biyyattii beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kana malees, galmawwan misooma waaraa biyya keenyaa waliin kan walsimu waan ta’eef, xiyyeeffannoo addaa argachaa jira.
 
Bakkeewwan hawwata tuurizimii uumamaa fi nam-tolchee sirnaan misoomsuun iddoowwan gahumsa tuurizimii gochuuf sadarkaa biyyaalessaattis ta’ee  Finfinneetti hojii bal’aan hojjetamaa jira.
 
Misoomawwan keenya damee tokko damee biraa waliin kan wal-deeggaran ta’uun guddinni waliigalaa akka saffisuuf bu’uura mijataa uumeera.
 
Hojiileen garaagaraa Finfinnee miidhagduu gochuuf hojjetamaa jiran sadarkaa jireenyaa jiraattotaa fooyyessuu qofa osoo hin taane, ayyaanota uummataa bifa miidhagaa fi ho’aa ta’een kabajuufis haala mijataa uumaniiru.
 
Ayyaanonni  dirree duudhaalee aadaa, amantii fi hawaasaa cimsuurra darbee, gaheen dinagdee keessatti qabanis salphaa miti.
 
Sirnoonni uffannaa, nyaataa fi faayonni aadaa garaagaraa ifatti mul’isan, calaqqee duudhaa biyyaalessaa ta’uurra darbanii walitti dhufeenya dinagdee uummataa fi uummataa gidduu jiru ni cimsu.
 
Tibba ayyaanaa gabaan ni ho’a; dinagdeen ni dadammaqa. Keessumaa, yeroo ayyaanaa dura daldalli uffata aadaa daran ho’a. Akkasumas, oomishaaleen nyaata aadaa qopheessuuf barbaachisan sadarkaa olaanaan dabalu.
 
Sagantaan maaddii qooduus tibba ayyaanaa bal’inaan mul’ata.
 
Ayyaanonni walitti dhufeenya hawaasummaa kan cimsaman waan ta’aniif, namoonni kennaawwan baga geessanii garaagaraas waliif kennu.
 
Namoonni yaadannoof meeshaalee aadaa adda addaa bitachuunis kan baratamedha.
 
Yeroon ayyaanaa firoonni, hiriyoonni fi namoonni bakka garaagaraa jiraatan walitti dhufuun sosochiiwwan dinagdee saffisiisuuf haala mijataa akka uuma ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
 
Ayyaanonni dirree giddugala walitti dhufeenyaa waan ta’aniif, guddina damee tuurizimii keessatti gahee olaanaa qabu.
 
Fakkeenyaaf, ayyaanota Masqalaa fi Irreechaa irratti lammiileen biyya keessaa miliyoonaan lakkaa’aman dabalataan lammiileen biyyoota alaa hedduunis ni argamu.
 
Kunis dinagdee magaalaa keenyaa fi biyya keenyaa haalaan dadammaqsa.
 
Miira ayyaanichaa qooddachuuf meeshaalee adda addaa ayyaanota waliin walqabatan bitachuu dabalataan hoteelotaa fi dhaabbilee tajaajilaa birootti wayita fayyadaman galii sharafa alaa hedduu gara biyyaatti galchuuf haala mijataa uuma.
 
Hirmaattonni ayyaanotaa kanneenii carraa ittiin  Finfinnee fi Itiyoophiyaa beeksisuuf qaban hedduu waan ta’eef, waggaa waggaan lakkoofsi daawwattootaa dabalaa dhufuun, damee tuurizimii daran guddisuu fi guddinni biyyattii saffisiisuuf gahee olaanaa taphata.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.