Fana: At a Speed of Life!

Irreechi bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 kabajama

Finfinnee, Fulbaana 12,2019 (FMC)- Ayyaanni Irreecha bara 2019 Fulbaana 23 fi 24 akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.
 
Gamtaan Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2019 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 23, Irreechi Hora Harsadee ammoo Fulbaana 24,2019 kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.
 
Ayyaanni Irreechaa duudhaafi aadaa isaa karaa eegeen akka kabajamuuf hundi tumsuu akka qabus dhaamaniiru.
 
Keessummoota biyya keessaafi biyya alaarraa ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufan nageenya isaanii eeguun, waan qabnu qooduufiin keessummeessuun nurra jiraatas jedhan.
 
Ayyaana Irreechaa kabajuuf yeroo dhufnu aadaafi duudhaa isaa eeguun kabajuufi aadaa Oromoo addunyaatti beeksisuuf tumsa taasisuun barbaachisaa ta’uus dhaamaniiru.
 
Baayiluu Baaneetu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.