Fana: At a Speed of Life!

Qonna gannaan lafti heektarri miiliyoonni 19.6 sanyiin uwwifame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Qonna gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 19.6 sanyii garaagaraan uuwwifameera jedhe Ministerri Qonnaa.
 
Qonna gannaa bara kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 700 fi miiliyoona 30 argachuuf karoorfamuu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
 
Sadarkaa biyyaalessaatti lafa heektara miiliyoona 22.3 misoomsuuf karoorfamuun hojiittin galamuun eerameera.
 
Sochii qonnaa hanga ammaatti jiruun lafti heektarri miiliyoonni 21. 8 qotamuun heektarri miiliyoonni 19.6 sanyiin uuwwifamuu Ministeerichi ibseera.
 
Kana keessaa omishaalee ijoo lafa heektara miiliyoona 20.9 irratti misoomsuuf karoorfamee lafti heektarri miiliyoonni 17.9 ol sanyiin uwwifameera.
 
Malaakuu Gaddifiin.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.