Guddina oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019(FMC)- Waggoottan dhiyoo asitti qonni Itiyoophiyaa hirkattummaa roobaa jalaa bahuun fi oomishtummaa midhaanii guddisuun jijjiiramoota caaseffamaa taasiseera.
Bu’uuraaleen misooma jallisii gurguddaa, giddugaleessaafi xixiqqaa mootummaa Ida’amuun diriirfaman akkasumas qonni kilaastaraa hojiilee jijjiiramaa warreen ijoo ta’anidha.
Fooyya’iinsa misooma jallisiin gaggeeffameen milkaa’inoonni galmaa’an jijjiirama damichaa kanneen agarsiisanidha.
Kanaan dura qonni biyyattii rooba qofarratti kan hirkate waan ta’eef lafti jallisiin misoomu baay’ee gadi aanaa ture. Kunis oomishtummaan akka gadi bu’u taasiseera.
Waggoota muraasaan asitti yaa’awwan lageen akka Awaash, Oomoo, Waabee Shabaleefi kanneen biroo fayyadamuun akkasumas bakkeewwan garaagaraatti jallisiiwwan xixiqqaa babal’isuun lafti misoomaa jiru sadarkaa olaanaan dabalaa dhufeera.
Akka ragaaleen mul’isanitti waggoottan lamaan darban qofa bu’uuraaleen misoomaa jallisii lafa heektaara kuma 100 fi kuma 18 fi 800 ol misoomsuuf dandeessisan hojjetamaniiru.
Sharafa alaa baasii bittaa qamadiif oolu hambisuuf hojiin misooma qamadii jallisii bonee milkaa’inoota gurguddoo damichaan hojjetaman keessaa tokko.
Itiyoophiyaan fedhii qamadii biyya keessaa ishee dandeettii ofiisheen uwwisuu danda’uurra adabartee gara alaatti erguu eegalteetti.
Qonna kilaastaraan hanga oomishaa heektaarrarraa argamu dhiyeessii sanyii filatamaan akkasumas itti fayyadama xaa’oon guddisuun danda’ameera.
Naannawaa Gammoojjii Kanaan dura horsiisa beelladaa qofaaf oolaa turan paampiiwwan bishaanii anniisaa aduun hojjetan, tooftaalee jallisii cophaan dhiyeessiin bishaanii akka guddatu taasifameera.
Maashinaroonni qonnaa qaraxa malee akka seenan godhamuun fi qonnaan bultootaaf dhiyeessiin liqaa mijeeffame qonnaan bultoonniifi waldaaleen hojii gamtaa damicharratti invast akka godhan gargaareera.
Qonna jallisiin oomisha midhaanii dabalataan oomishtummaa kuduraafi muduraa, midhaan zayitaafi oomishaalee meeshaa dheedhii indaastiriiwwanii guddisuun gabaa waliin walitti hidhuuf hojiilee jajjabeessaan hojjetamaniiru.
Mihirat Damisseen.