Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana guddaa sa’aa fi namni itti quufu! Mootii Ayyaanaa Masqala

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Sirni Gubaa Damaraa baatii jalqabaa bara Haaraa Fulbaana 16 kan raawwatamuudha.

Sirni Gubaa Damaraa Ayyaana Ifaa(Masqalaa) kun Oromiyaa hundatti bifa aadaa fi amantaan raawwatama.

Gola Oromiyaa hedduu keessatti sirni Gubaa Damaraa akkaataa aadaa fi duudhaa naannawichaan raawwatama.

Gola Oromiyaa hedduutti Masqalli Mootii Ayyaanaa jedhamuun kan beekamu yoo ta’uu, yeroon dukkunaa, Sodaa, dhamaatii Rooba cimaa fi Muusoo darbuun Birraan jaalalaa, Qananii, gammachuu fi quufaa gahuu ibsuuf Damaraa akkaataa duudhaa fi aadaa isaa eeguun gubu.

Galgala jabaa gabbifatu! Ganama ammoo marqaa kormaa nyaatanii loon kaloo haarawatti bobbaafatu!

Ayyaana guddaa sa’aa fi namni itti quufu! Gaafa Masqalaa hiyyummaa fi gadadoon manaa baati! Kanaaf mootii Ayyaanaa jedhama.

Guyyaa Damaraa Abbootiin Mukeen akka Laaftoo, Ceekaa, Barreessaa fi Alalee jedhaman muruun iddoo Abdaariitti walitti qabu. Damaraa erga muratanii booda muka furdaa Laaftoo jedhamu muru.kunis Jabaa jedhama.

Jabaan Ayyaanni Masqalli jabaa ta’uu isaa mul’isuuf maqaa moggaafameedha.

Jiraattoonni naannoo tokkoo yookaa maatiin tokko ta’an iddoo tokkotti Damaraa hidhatu.

Kunis walummaa fi tokkummaa ibsa.

Damaraan osoo hin hidhamin dura Ibiddi Bahee Jabaa Gabbifatu.

Haadholiin callee, Elemtuu fi siinqee qabatanii Burree uffatanii mijuu fi dhangaa dhiyeessu.

Mijuu fi dhangaan dhiyaatee akkaataa hangafa quxusuun eebbifatanii jabaa gabbifatu.

Abbootii fi Haadholiin bitaaf mirgaan, Qeerroo fi qarreenis gareen ta’aanii eebba fudhatanii dhangaa fi mijuu dhiyate nyaatanii dhugu.

Daadhii, Booka, Buqquraa fi Farsootu dhiyaata.

Sirni eebbaa, nyaachuu fi dhuguu akkuma raawwateen Haadholii fi Qarreewwan gara manaa deebu’u.

Abbootiin ammoo Damaraa Hidhu.

Erga Damaraan hidhamee Abbootii fi Qeerroowwan akkaataa Hangafti yookaa abbaan qa’ee dura bu’uun damaraa hidhame sana naanna’aa Iyyookaa – Iyyookaa, Masqalookaa, Iyyookaa Birraan Bookaa, Iyyoolee Yaa habaaboo koo jedhanii dhiichisu.

Sana booda gara mana ofii deebi’uun Muuda Muudatanii Daamotii baasuu eegalu.

Daamotiin/Xomboraan Jalqaba mana hangafaatii baha. Abbaan warraa Daamotii lama qabatee muuda muuddate gara Mooraa Horiitti garagarchee bara bara ifaa nuuf godhi, Korma nuuf goobsi, Birraa jaalalaa, quufaa fi gabbinaa nuuf godhi, kan baranaan nu geessee kan ergereenis nu gahi jechaa Daamotii qabsiifate gara Damaraa hidhametti qajeelcha.

Hundi akkaatuma hangafaa quxusuun Daamotii baasuun Damaraa qophaa’e gubu.

Erga Damaraan gubachuu eegalee Haadholiin Kaboota batteeffamaa guutuu lamaa hanga afurii ta’an fi Qoraan waliin fidanii Damaraatti dabalu.

Kunis Gabbisaa jedhame. Wayita Haadholiin gabbisaa kana fidan abbootiin ammoo horaa dagaagaa, gabbadhaa jechaa eebbisanii Damaraa sana keessaa muka qajeelaa ta’e baasanii miidhaksanii haadholiif kennu.

Mukti kun Bojitoo yookaa Leemmana Marqaa Kormaa jedhama. Kan Marqaan Kormaa barii ittiin qophaa’udha.

Dargaggoonni Damaraa gubachaa jiru marsuun Gobee, Iyyooshee, Hee Bokee fi Giifatoo sirbu.

Sirna gubaa damaaraan booda gara Manaatti deebi’anii Nyaataawwan aadaa kan Qincee fi Ancootee nyaatu.

Dhangaan dhiyaate bakkaa bakkatti garaagarummaa qabaachuu danda’a.

Dargaggoonni naannawaa tokko hundi walitti makamuun bakkeewwan Damaraan gubataa jirurra deemuun dhiichisaa maallaqa walitti qabu.

Maallaqa walitti qabataniin akkaatuma maallaqa argataniin Horii Tolfannaa bitachuun Dirree Hangafaa yookaa Abdaarii hangafaatti tolfatu.

Halkan sana hanga Marqaan Kormaa gahutti, waan tolfatan sana nyaachaa, dhugaa fi dhiichisaa bariisisu.

Fulbaana 17, Barii Daamotiin Kormaa ni baha. Daamotiin Kormaa kan Horiif bahuudha.

Abbaan warraa Goobi, Kormoomi, Baroodi, Abboomi…jechaa Daamotii gooba kormaarratti ol qabee eebbisa.

Abbaan warraa Daamotii Kormaa Karra Mooraa Horii duratti erga baasee booda ollaa, maatii fi aanteen waliin ta’uun Marqaa Kormaa nyaatu.Iddoo tokko tokkotti ammoo Qiixxaan Marqa nyaatu.

Marqaan Kormaa Dhadhaa, Aannan, Itittuu fi Qocqocaan nyaatama.

Xuwween/okkoteen Raafuu bu’uun Xuwween Marqaa koru labsu.
Kunis yeroon rakkichaa fi dukkanaa darbee, lagni boora’e qarraree, lafti cite jabaatee midhaan faca’e asheetee yeroon qananii fi quufaa, wal arguu fi walummaan eegaluu agarsiiftuudha.

Wanti barreeffama kana keessatti dhiyaate kun hedduun isaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaalee Kuyyuu, Hidhabuu Abootee fi Dagam keessatti kan raawwatamuudha.

Aanaalee kanneen keessatti sirni Gubaa Damaraa hanga tokko garaagarummaa yaa qabaatuu malee harki caalu walfakkaata.
Gola Oromiyaa garaagaraatti sirni Gubaa Damaraa fi nyaanni guyyaa kana nyaatamu garaagar ta’uu mala.

Fakkeenyaaf Wallaggatti guyyaa kana Ancooteetu nyaatama.
Naannawaan kun yeroo Ayyaana Masqalaa Ancootee bilchaatee murmurame ykn tumame qocqocaa dhadhaa baqsaan walsimateen nyaatama.

Warri Salaalee ammoo Marqaa, Qincee fi Dhaabaa nyaatu.

Yeroo Masqalaa namni, horiin, meeshaalee hojii dabalatee alatti hin hafan waan ta’eef, loowwan darabaaf bobba’anis gara qe’eetti deebisuun dirqama.

Ayyaanni Ifa Birraa(Damaraan Masqaalaa) Mootii Ayyaanati, Birraan quufa, Qananii fi abdiidha jedhu abbootiin.

Birraa Quufaa Isiniif haa Ta’u!

Quufaa Gabbina!!

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.