Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota dirree iddoowwan gahumsa tuurizimii magaalichaa cimsan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan aadaawwan fi duudhaalee boonsaa dhalootaa dhalootatti darban biyya qabdudha.
 
Ayyaanonni Damaraa, Masqalaafi Irreechaa ayyaanota dirree baatii Fulbaanaa keessa Finfinneetti haala ho’aa ta’een kabajamanidha.
 
Ayyaanonni kunneen tokkummaa, jaalalaafi obbolummaa  karaa cimsuun kan kabajamanidha.
 
Ayyaanota kanneen irratti daawwattoota biyyoota alaa dabalatee uummanni hedduun ni hirmaata.
 
Duudhaaleen mimmiidhagoon Itiyoophiyaa kunneen hambaalee kiliyyaa Itiyoophiyaan addunyaaf gumaachitedha.
 
Finfinnee haala mijjattuu taateen ijaaramuun ishee Ayyaanonni kunneen yeroo kamiyyuu caalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamaniif carraa guddaa uumeera.
Finfinneen yeroo ammaa magaalaa hawaasni idil-addunyaa wayita walga’ii qofa eeganii itti wal argan  miti.
 
Magaalaa waggaa keessatti walga’iiwwan idil-addunyaa hedduun itti gaggeeffaman, aadaawwan Itiyoophiyaa duudhaalee isaanii eeguun haala ho’aa ta’een itti kabajaman taateetti.
 
Daawwattoota biyya keessaafi alaa hedduun daawwatamti; kunis kan ta’e magaalattiif dameewwan hundaan bu’uuraaleen misoomaa mijatoon waan guutameefi.
 
Jijjiiramni waggoota muraasaan asitti magaalattiitti mul’ate sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtummaa ishee guddiseera; Ayyaanonni dirree ammoo miidhagina dabalataa gonfachiisaniiru.
 
Haaluma Kanaan Finfinneen yeroo ammaa magaalaa gahumsa tuuristii taateetti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.