Rakkoolee kenna tajaajila geejjibaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Ejensicha
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Rakkoo kenna tajaajila geejjibaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Ejansiin Geejjiba Oromiyaa.
Buufanni Konkolaataa Qindaa’aa Magaalaa Adaamaa Birrii biiliyoona1.8’n ijaarame marsaan jalqabaa tajaajila eegaleera.
Tajaajila Geejjibaa dhaqqabamaa, ammayyaa’aa fi nageenyummaan isaa eegame kennuuf gama hundaan hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee sirnicharratti ergaa dabarsaniin eeraniiru.
Buufatichi Tajaajila qulqulluu, si’ataa fi nageenyummaan isaa eegame fi tajaajila qinda’aa ta’e kan kennu Buufata Konkolaataa ammaayyaa ta’uu dubbatan.
Mootummaan naannoo Oromiyaas hawwiifi fedhii hawaasaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaziiz Daawud himaniiru.
Buufanni konkolaataa magaalaa Adaamaatti hojjetamees sochii diinagdee magaalaa Adaamaa kan guddisuufi tajaajila geejjibaa fooyya’aa ta’e kan kennu ta’uus ibsan.
Kantiibaan bulchiinsa magaala Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen gama isaaniin, magaalaa Adaamaa giddu gala konfiraansiifi turiiziimii taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu himan.
Piroojektiiwwan magaalichatti hojjetamanis,rakkoo hawaas diinagdee gama hundumaan kan hiikaniifi tajaajila si’ataa, saffisaafi itti quufinsa qabu kan kennan ta’uus eeran.
Jiraattonni magaalaa Adaamaas buufanni qindaa’aan Magaalaa Adaamaatti hojjetame kun rakkoo kanaan dura ture haalaan ni furaan abdii qabaachuu himan.
Faxxanaa Zawudeetiin
#Oromia #Ethiopia