Hundeeffama Mootummaa Haaraa fi Abdiiwwan Itiyoophiyaa
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan waggoota darban rakkoolee siyaasaa fi hawaasummaa garaagaraa keessa darbitee har’a geesseetti. Barri 2019 garuu bara addaafi abdiiwwan hedduun itti mul’atan dha jedhamee eegama.
Filannoon Waliigalaa 7ffaan paartilee siyaasaa 42, kaadhimamtoota kuma 10fi 438 fi filattoota miliyoona 54 ol hirmaachise milkaa’inaan xumurameera.
Adeemsi filannoo kunis haala nagaa, dimokraatawaa, haqaqabeessaa fi amansiisaa ta’een gaggeeffamuun isaa ni beekama.
Bara kanas wanti adda isa godhu mootummaa haaraan kan itti hundeeffamu qofa osoo hin taane, wal-dhabbiiwwan waggoota dheeraaf biyyattii keessatti uumamaa turan furuuf Mariin Biyyaalessaa gaggeeffamuun kan itti xumurame ta’uu isaa ti,
Barri kun akka abdatamu kan godhes Itiyoophiyaan rakkoolee ishee adda baasuun, furmaata kan itti qopheessite ta’uu isaatiin.
Dhimmooti marii irratti ka’anis wal-dhabbiiwwan siyaasaa fi hawaasummaa furuuf bu’uura ta’u jedhamee abdatameera.
Itiyoophiyaatti bara 2019 dameewwan garaagaraan carraan guddinaa, carraa hojii uumuu, babal’inni teeknooloojii, kalaqni fi fooyya’iinsi tajaajilaa akka cimu eegama.
Jalqabbiin isaa kaayyoowwan misoomaa fi jijjiiramaa itti fufsiisuuf carraa gaarii uumaa jira.
Fulbaana 25, 2019 hundeeffamni mootummaa kan gaggeeffamu yoo ta’u, sagantichaaf qophiileen barbaachisoon guutummaatti xumuramuu isaanii Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa argames ni mul’isa.
Itiyoophiyaan bu’uura dhaloota boruuf ta’u cimsuu, hojii misoomaa itti fufsiisuu fi kaayyoo guddinaa qabdu galmaan ga’uuf tarkaanfiiwwan gara fuulduraa saffisiisuuf hojjechaa jirti.
Kanaaf, 2019 bara itti ce’umsa, carraa fi hojiiwwan bu’aa qabatamaa fidan itti ciman ta’uun, egeree biyyattii irratti abdii haaraa uumeera.
Immabeet Siisaayiin
#Oromia #Ethiopia.