Fana: At a Speed of Life!

Fedhiin Ijipti kolonii Abbayyaa itti fufsiisuuf qabdu akka hin deebinetti xumurameera – Ambaasaaddar Zarihun Abbabbaa

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Fedhiin Ijipti kolonii abbayyaa itti fufsiisuuf qabdu akka hin deebinetti xumurameera jedhan Ministeera Dhimma Alaatti, Daayrekterri Jeneraalaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabbaan.

Itiyoophiyaan lageen ishee misoomsuun faayyadamuuf eeyyama qaama kamiiyyuu ishee hin barbaachisus jedhan.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaanonni dafqaa fi maallaqa isaaniin ijaarratan piroojektii haaraa biyyoonni yaa’ichaa qabeenya bishaanii karaa haqa qabeessa ta’een akka fayyadamaniif carraa bane ta’uus eeran.

Kunis yeroon Ijipti lagicha dhuunfaan to’achuu fi fayyadamuu xumuramuu isaa agarsiisaa jedhan.

Ijipti addunyaarratti biyya bulchiinsa bishaanii akkaan dadhabaa hordoftu, fayyadama bishaanii qisaasamaan guutame hojiirra oolchitu ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan akkaataa biyyoota yaa’a gadii hin miineen misoomsuun faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuu itti fufti jedhan.

Ijipti Bishaan Meetir Kiyuubii biiliyoona 14 -16 kan qisaasessitu ta’uu hubachiisan.

Jaarraa 21ffaa keessa adeemsi akkanaa hojii irra ooluu hindanda’u kan jedhan Ambaasaaddar Zarihuun , boo’ichi Ijipti dhiyeenya kanaa beekumsa bulchiinsa seera bishaan idil-addunyaa dhabuu irraa kan maddeefi adeemsa qofaatti fayyadamuu gara fuulduraatti deebi’uu hin dandeenye itti fufsiisuuf tattaaffii gootu irraa madda jedhan.

Itiyoophiyaan lageen ishee yeroo misoomsitu fayyadamummaa waloo, dhiyeessii haqa qabeessaa fi sababaawaa ta’e bu’uura godhachuun ta’uus dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.