Komiishinera Poolisii Naannoo Tigiraay kan turan Meejar Jeneraal Gabiree Adihaanaa Mootummaa Federaalaatti Makaman
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – *Komiishinera Poolisii Naannoo Tigiraay kan turan, hoogganaan gameessi duraanii ABUT Meejar Jeneraal Gabree Adhaanaa, diinoota seenaa ABUT waliin ta’uun ergama biyya diiguu mormuun gara Mootummaa Federaalaatti makamaniiru.
Jeneraalichi Raayyaa Ittisaa keessatti sadarkaa hoggansa olaanaarra tajaajilaa kan turan yoo ta’u, ABUT biyya irratti gocha badii raawwachuu isaa dura, Daayirektoreetii Olaanaa Duula Odeeffannoo Raayyaa Ittisaa keessatti itti gaafatamaa ta’uun tajaajilaniiru.
Jeneraalichi hojii ABUT ijoollee umuriin isaanii waraanaaf hin geenye gara waraanaatti bobbaasuufi rakkoo fi gidiraa uummata Tigiraay dabalaa jiru mormuun garee badiisaa kana irraa adda ba’uun isaanii, umurin jireenya garichaa xumuramaa jiraachuu agarsiisa jedhameera.
#Oromia #Ethiopia