Mana Maree Nageenyaa Afrikaa Dagate
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) — Murteewwan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa dhibbeentaan 80 Afrikaa kan ilaallatan taʼus, Afrikaaf teessoon dhaabbataa hanga yoomiitti dhorkama? jechuun gaafachuun barbaachisaa dha.
Adeemsi dhaabbilee, madaalliin humnaa fi wiirtuuleen murtee siyaasaa sadarkaa idil-addunyaatti mulʼatan waggoota dheeraaf olaantummaa garee tokkoo calaqqisiisaa turuun isaanii dhugaa hin haalamne dha.
Keessumaa, Afrikaan sirna gabrummaa jalaa bilisa wayita baatee kaasee dhaabbilee idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa sirrii fi madaalawaa akka qabaattu fi sagaleen ishee akka dhagaʼamuuf qabsoon taasisaa turte harʼa gara boqonnaa seenaa qabatamaa fi duubatti hin deebineetti ceʼeera.
Walgaʼii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (DMTG) 81ffaa yeroo ammaa Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jiru irratti Barreessaan Olaanaa dhaabbatichaa Antooniyoo Guutereez haasaa taasisaniin, Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessatti teessoo dhaabbataa akka qabaattuuf ifatti waamicha dhiyeessuun isaanii, gaaffiin waggoota dheeraaf kaʼaa ture kun seera-qabeessaa fi fudhatama kan qabu ta’uu mirkaneessa.
Antooniyoo Guteereez Manni Maree Nageenyaa biyyoota Waraana Addunyaa Lammaffaa injifataniin olaantummaan kan to’atamu taʼuu eeranii, dhaabbata kana hundeessuu keessatti gahee kan qaban Afrikaanonni garuu bakka bu’ummaa isaaniif malu akka hin qabne ibsaniiru.
Mana Maree Nageenyaa miseensota 15 qabu keessaa miseensonni dhaabbii shanan mirga sagalee sagaleen kuffisuuf qaban fayyadamuun murtee sagalee caalu haquu dandaʼu. Teessoon 10 hafan immoo miseensota yeroo yerootti waggaa lamaaf filatamaniif kan kennamanii dha.
Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessatti bakka bu’ummaa yeroo qofa qabaachuun ishee, miseensota dhaabbii waliin murtee irratti walqixa taʼuu irraa dhorkamteetti.
Qaaraddaaleen keessaa Afrikaa lakkoofsa uummataa, dhiibbaa siyaasaa fi guddina dinagdee olaanaa galmeessite iyyuu, Afrikaa uummata biliyoona hedduu fi humna hojii dargaggootaa dhibbeentaa 70 ol qabdu dhaabbilee idil-addunyaa keessatti gahee murteessaa akka hin qabaatne taasifamuun isaa ifatti haqa-dhabummaa mulʼisu dha.
Waggoota kurnan darbanitti dhimmoota Mana Maree Nageenyaa keessatti dhiyaatan 437 keessaa 354 Afrikaa kan ilaallatan taʼus, Afrikaan bakka hin jirretti, dhimma jireenyaa fi egeree Afrikaa, murteewwan nageenya eegsisuu fi qoqqobbiiwwan qaamolee biroon kennamuun adeemsa hatattamaan sirreeffamuu qabu dha.
Adeemsa sirrii hin taane jijjiiruu fi bulchiinsi addunyaa haqaa fi madaalawaa akka taʼu gochuu keessatti Itiyoophiyaan gahee hoggansaa fi seenaa adda duree kan qabduu dha.
Itiyoophiyaan hundeeffama Gamtaa Mootummootaa irraa eegalee, wiirtuu bilisummaa, walqixxummaa fi Paanafrikaanizimii taʼuun seenaa buʼuuraa qabdu harʼas sadarkaa olaanaan cimsitee itti fufteetti.
Itiyoophiyaan yaaʼii BRICS irraa kaasee hanga Yaaʼii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanitti, waltajjiiwwan idil-addunyaa adda addaa irratti sagaleen Afrikaa karaa sirrii taʼeen akka dhagaʼamuufi, haaromsi caasaa akka taasifamuuf waamicha addaan hin cinne taasisaa turteetti.
Afrikaanonni ilaalcha kaartaa addunyaa madaalawaa hin taane duraan ture hojii qabatamaa fi tattaaffii dipilomaasiiin jijjiiruun, sagalee naannawichaa fi ardichaa guddisuuf qabsoon waliigalaa geggeeffamaa ture buʼaa argamsiisaa jira.
Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii adeemsa Afrikaa qoode itti fufuun amantaa fi seera-qabeessummaa dhaabbatichi ummatoota addunyaa biratti qabu balaadhaaf kan saaxilu waan taʼeef, haaromsa dhaabbatummaa taasisuun Afrikaaf qofa osoo hin taane, jiraachuu fi itti fufiinsa dhaabbatichaatiif akkasumas nageenya idil-addunyaatiif murteessaa dha.
Adeemsa kana keessattis Itiyoophiyaan hoggansa duree qabdu eeguun, badhaadhinaa fi dhiibbaa Afrikaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa biyyaalessaa fi ardawaa irraa eegamu ciminaan ba’achuu itti fuftee jirti.
Yoonaas Geetinnatiin
#OROMIA #ETHIOPIA